Jaarmayaan Fayyaa Addunyaa weerarri vaayrasii koroonaa “dhume” jedhee labsuus, Itiyoophiyaan sochii faca’iina Vaayrasichaa hir’isuuf akkasumas dhukkuuba KOOVID – 19 adda baasuu fi yaaluu kan itti fuuftuu ta’uu beeksiiftee jirti. Ministarri Fayyaa Itiyoophiyaas Ibsa har’a baaseen ummanni bu’uura kanaan akka socho’u waamicha dhiyeessee jira.
Hawaasni keenya, hojii ittisaa fi to’annoo KOOVIID-19 akka itti fufu gorsina jedhee, lammiileen ulaagaa guutan hundis talaallii farra KOOVIID-19 dhaabbilee fayyaa hundatti bilisaan kennamuu fudhachuu akka qaban “ ibsi ba;e hubachisee jira.
Kana malees biyyattiin dandeettii jiru guddisuu akka itti fuftuu akkasumas vaayrasii haaraa dhufuu kamiifuu deebii akka kennitu beeksiseera.
Jaarmayaan Fayyaa Addunyaa Caamsaa 05, 2023 ibsa baaseen, dhukkubii KOOVIID-19 amma dhimma fayyaa itti fufiinsa qabuu malee, kana booda balaa fayyaa hawaasaa kan hatattamaa addunyaa yaaddeessu akka hin taane ibsee jira.
Forum