Xurree ittiin seenan

Breaking News

Weellistuu Angafa Ka Turtee fi Amma Faarfannaa Amantiitiin Kan Beekamtu Hiruut Baqqalee Du’aan Addunyaa Kana Irraa Boqotte


Artiist Hiruut Baqqalee
Artiist Hiruut Baqqalee

Hiruut Baqqalee kanaan durba wallee isheen kan Itiyoophoyaa keessatti baay’ee beektuu turtee fi yeroo ammaa amantaa kiristaanaaf kan faarfattu, dhukkubsattee umrii ishee waggaa 83tti du’aan addunyaa kanaraa boqochuu ishee tu har’a himame. Bara 1949 tti gara walleetti kan dhufte Hiruut Weellistoota Itiyoophiyaa Angafaa keessatti ramadamti.

Hiruut waggoota 35 keessatti walleewwan 200 ol akka maxxansiteette kan himamuuf yoo tahu hojii wallistummaa Okestiraa Poolisii Itiyoophiyaa keessatti jalqabuu ishee ibsa, seenaan ishee. Walleewwan ishee gurra uummataan geesse keessaas baay’inni isaanii 38 ol shakilaan kan maxxafaman tokkoon tokkoon isaanii sirboota 10 kan of keessatti qabatanii fi Kaasseettanimmoo 14 maxxansuun isee ibsamee jira. Hiruut haadha ijoollee torbaa yommuu taatu Ijoollee ijoollee kudhan fi Akaakilee toorba argiteetti.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG