Xurree ittiin seenan

Breaking News

Eega Wal Waraansi Sudaan Keessatti Jalqabee Kaasee Hanga Ammaatti Namoonni 17 ol Karaa Daangaa Matammaa Gara Itiyoophiyaatti Bahuun Himame


Sudaan keessatti humnoota jeneraalota walmorkatan lamaa edduutti lola itti fufee jiru, Kaartum, Caamsaa 10, 2023.
Sudaan keessatti humnoota jeneraalota walmorkatan lamaa edduutti lola itti fufee jiru, Kaartum, Caamsaa 10, 2023.

Sababa Wal waraansa Sudaan keessaan hanga Eebla 21 ,bara 2023 tti namoonni 17,500 ol karaa daangaa Matammaan gara Itiyoophiyaatti seenaniiru jedhe Jaarmayaan Dhimma godaantoota Idil Addunyaa. Dubbii himtuun dhaabbata dhimma godaantoota idi addunya kan damee Itiyoophiyaatti Kaye Viray Sagalee Ameerikkatti akka himanitti karaa daangaa Matatammaan alattis karaa daangaa Kumuruk namoonni 600 ol gara naannoo bulchinsa mootummaa Benishangul seenuu mirkaneessaniiru. Haalli Sudaan keessaa tasgabba’uu yoo baate lakkoofsi godaantootaa gara Itiyoophiyaa seenaanii akkaan dabaluu malas jetti Kaye’n.

Midhaan nyaataa gargaarsaan gara naannoo Tigiraayyitti Ergamuun akka dhaabbatu taasimuyyuu galteewwan qonnaa fi nyaatawwan qaama bayyanachiisan garuu gara naannichaatti galfamaa jiru jedhe dhaabbata mootummoota gamtoomaniitti dhaabni dhimma gargaasaa OCHA’n.

Humnoonni Sudaan Wal-waraanaa Turan Gargaarsa Namoomaa Uummataaf Akka Galu Taasisuuf Waliigaltee Mallatteessan

Humnoonni Wraanaa Sudaan keessatti wal waraanaa jiran namoota nagaa fi dhaabbilee fi hojjettoota dhaabbilee gargaarsa namoomaaf eegumsa taasiisuurratti walii galan, garuu walii galtee waraana dhaabuurratti walii galteeerra osoo hin ga’iin hafaniiru.

Saa’ud Arabiyaa Magaalaa Jiddaah tti torban tokkoof mariirra kan turan humnoonni waraanaa Sudaan keessatti wal waraanaa jiran qabxiiwwan isaan waliin dubbiif kaayyatan baayyee walirraa fagoo waan ta’eef walii galteerra ga’uu hin dandeenye kan jedhan Angawaan dhimma haajaa alaa Ameerikaa maqaan isaanii akka himamu hin feene ammas waliin dubbii itti fufsiisuuf fedhiin jiraachuu agarsiisa. Garuu walii galtee qaamota lamaanii ammaan namoota nagaa fi dhaabbilee gargaarsa namoomaaf dursa kennuu fi eegumsa taasiisuu isa jedhurratti walii galaniiran jedhan. Walii galteen humnoonni lamaan amma taasisan kunis guyyoota kudhaniif turas jedhameera.

Saa’ud Arabiyaa fi Ameerikaan akkasumas garee wraanaa dhaabuu kan Idil- Addunyaa dabalachuun humnoonni Sudaan keessaa wal waraanaa jira haala waraana dhaabuu danda’an irratti ni hojjetama kan jedhan angawaan dhimma hajaa alaa Ameerikaa kun Sudaaniin guutummaa guutuutti gara nagaatti fiduun yeroo fudhachuu malas jedhaniiru. Walii galtee qaamota wal waraanaa jiran ammaa kanaan yeroof waraana dhaabuu kan jedhurratti walii galuun isaanii jalqabbii gaarii ta’us waliin dubbii kana booda taasisaniif garuu qaamooleen siiviliis itti hirmaatanii Sudaan nagaa waaraa akka argattuu fedhii Waashingiton jedhaniiru.

Kamisa darbe naannoo Halfaya galma magaalaa Kahaartumitti wal waraansi jiraachuu kan himan jiraattoonni xiyyaaroonni waraanaas magaalittirra marsaa jiraachuu ijaan arguu himuun magaaloota kanneen akka Bahri fi Omdurmaan keessatti garuu waraanichi kan gaafa Roobii darbeerraa hir’iseera jedhan namoonni ijaan argan.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG