Xurree ittiin seenan

Breaking News

Jaarmayaan Gargaarsaa ka Mootummoota Gamtoomanii Gargaarsi Midhaan Nyaataa Gara Tigraayitti Deebi’ee Ergamuu Akka Jalqabu Beeksiise


FAAYILII - Konkolaataa qaraarsa fe'ee gara naannoo Tigraay deemaa jiru
FAAYILII - Konkolaataa qaraarsa fe'ee gara naannoo Tigraay deemaa jiru

Kamisa darbe gabaasa Mootummoota Gamtoomaniif dhiyyeesseen kanneen midhaan nyaataa bifa gargaarsaan namoota naannoo Tigraay keessatti beela’aniif kenname kaayyoo isaan alatti gabaarra oolchan irratti qorannoon gaggeeffamuu jalqabuu ibsuun, nyaatni gara naannichaatti bifa gargaarsaan galan namoota nayaata barbaadan bira ga’uu isaa irra deebbiin qulqulleeffachuun Midhaan nyaataa namoota barbaachiisuf raabsuun ni jalqabama jedha gabaasichi.

Midhaan nyaataa bifa gargaarsaan yeroof gara Tigiraayitti ergamuun haa dhabbatuyyuu malee galteewwan qonnaa kanneen akka xaa’oo ,Sanyii filatamaa meetirik toonii kuma tokkoo fi dhibba lama akkasumas Tiraaktaroonni qonnaa 26 magaalaa Magalee seenuu isaanii OCHA’n ibsa isaa keessatti ifoomseera.

Komishanarri Komishinii Ittisaa fi Sodaa Balaa bulchiinsa yeroo Naannoo Tigiraay Obbo Gebre-Igzaabeer Aregaawwii dhimmicha irratti gaafatamanii yeroo ammaa midhaan nyaataa gara naannichaatti seenaa akka hin jirre ibsuun dhimmi kun kan dursi kennamuufi qabu dhimma lubbuuti jedhan.

Gara Naannichaatti seensifamaa jiru kan jedhaman nyaatonni bayyanachiisoos xiqqaa akka ta’an himu Obbo Gebre-Igzaabeer. Itti dabaluunis hanga ammaatti galteewwan qonnaa kanneen akka Sanyii filtamaa fi xaa’oo naannicha seenanii hin jiran. Garuu Sanyii filatamaa fi xaa’oon mootummaa naannoo Oromiyaarraa bifa gargaarsaan waadaan galame gara Naannichatti geejibsiifama jiru jedanii Tiraaktaroonni Magaalaa Maqalee seenaniiru jedhamanii gabaasaan dhiyyaatanis baasii Bulchiin sa yeroo naannichaan kan bitamanidha jedhu Obbo Gebre-Igzaaber.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG