Xurree ittiin seenan

Breaking News

Naannoo Affaaritti Rasaasni Moortaraa Dhuka’ee Lubbuu Namoota Afurii Galaafate


FAAYILII - Jiraattotaa fi milishoota manneen haleellaa qilleensaatiin barbadaa’an cinaa dhaabbatan, naannoo Affaar, Guraandhala 25, 2022.
FAAYILII - Jiraattotaa fi milishoota manneen haleellaa qilleensaatiin barbadaa’an cinaa dhaabbatan, naannoo Affaar, Guraandhala 25, 2022.

Naannoo Affaaritti Godina Awusii Risuu aanaa Adi’aar magaalaa Kaasagittaatti kaleessa Kamisa rasaasni moortatraa dhuka’uun lubbuun namoota Afurii yommuu darbu Namoota Shanirrattimmoo miidhaa cimaa qaqqabsiisuu isaa namoonni ijaan argan Sagalee Ameerikaatti himaniiru.

Waraana Kaaba Itiyoophiyaatti waggootan lama lakkoofsiisetti naannoon kun buufata waraanaa ta’ee turuu kan himan jiraattonni bakkeewwan baayyeetti meeshaaleen waraanaa gatamanii fi fanjiiwwan awwaalamanii jiran akka jiran himu. Yeroodhaa yeroottis Angawoota naannootti beeksiifnus rakkichaaf furmaata hin argatiin jirra jedhu.

waajirri nageenyaa aanaa Kaasagittaa gama isaani dhohinsichi kan qaqqabe sibiilota caccabaa warra funaaniinii tumuuf walitti qabame keessaati jedhe.

Dhaabbata Mootummoota Gaamtoomaniitti biiroon gargaarsa namoomaa qindeessu OCHA’n gabaasa baaseen Kaaba Itiyoophiyaa bakkeewwan waraanni waggoota lamaaf itti gaggeeffama ture meeshaaleen waraanaa dhuka’oo ta’an bakkaa bakkatti gatamanii jiran akka fashalan hin taasifamaniin jiran sochii namootaa guyyuu irratti dhiibbaa fidaa jiru jedheera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG