Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dargaggoon Ijoollummaa Isaatti UK’tti Godaane Tokko Atileetiksiin Biyyattii Keessatti Beekkannaa Argataa Jira

Dargaggoon Ijoollummaa Isaatti UK’tti Godaane Tokko Atileetiksiin Biyyattii Keessatti Beekkannaa Argataa Jira
please wait

No media source currently available

0:00 0:06:17 0:00

Mohaammad Mohammad dargaggoo ijoollummaa isaatti gara UKtti godaanii yeroo ammaa kolleejjii dhaa barataa, dirree ispoortii UK keessatti immoo fiigichaan maqaa guddaa horate. Itoophiyaatti kan dhalate Mohammad yeroo umriin isaa waggaa kudhanii gara Ingilizii deemee, leenjii, shaakalaan dandeettii giigichaa cimsachuu UK keessatti dorgommii atileetiksiin badhaasa hedduu injifate jira.

Dorgommiiwwan sadarkaa addunyaa irratti biyyattii bakka bu’uun dorgomee jira. Olompikii Paaris bara 2024 irratti hirmaachuuf kaayyeffatee jira. Yeroo ammaa kana sagantaa leenjii cimaa fi barnoota isaa yunivarsiitii keessatti madaaluun saayinsii ispoortiitiin digrii hordofaa jira. Eebbisaa Naggasaa Stockholm, Sweden irraa Dhimma kana irratti Mohammed waliin karaa Skype mari'ateera

JG/DHW

Forum

XS
SM
MD
LG