Xurree ittiin seenan

Breaking News

Sababaan Balaa Konkolaataa Barsiistota Yuniversitii Madda Walaabuu Galaafate Rakkoo Daandii Ta'uun Qaamotiin Adda Addaa Ibsamaa Jira


Sababaan Balaa Konkolaataa Barsiistota Yuniversitii Madda Walaabuu Galaafate Rakkoo Daandii Ta'uun Qaamotiin Adda Addaa Ibsamaa Jira
please wait

No media source currently available

0:00 0:05:52 0:00

Sababaan Balaa Konkolaataa Barsiistota Yuniversitii Madda Walaabuu Galaafate Rakkoo Daandii Ta'uun Qaamotiin Adda Addaa Ibsamaa Jira

Konkolaataan Yunivarsiitii Madda walaabuu Sambata darbe barsiisota yunivarsitii, hojjettoota bulchiinsaa fi imaltoota biroo fe’ee gara Shaasheemeetti imalaa ture godina Arsii Lixaa naannoo iddo addaa washaa jedhamuun beekamutti tibbana garagalee namootni hedduun lubbuun darbuun ni yaadatama. Balaa tiraafikaa kanaaf sababni guddaan rakkoo daandii ta'uun qamoolee gara gara irraa ibsamuus abba taayitaa daandiiwwan Oromiyaa fi Daandiiwwan Federaalaa irraa deebii argachuuf carraaqqiin goone yeroof hin milkoofne.

Komishiniin poolisii naannoo oromiyaa bara 2015 naannoo Oromiyaatti balaa tiraafikaatiin lubbuun namoota 1000 olii darbuu ibseera. Ajajaan kutaa nageenya tiraafikaa Komishinii Poolisii Oromiyaa koomandaar Balaachoo Tiikii Sagalee Ameerikaaf akka himanitti, balaan kun sababa hanqina namusaa konkolaachisaa, rakkoo teekinikaa konkolaattotaa fi rakkoo daandii irraa kan ka'e ta'uu ibsaniiru.


Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG