Xurree ittiin seenan

Breaking News

Daandii Finfinnee fi Jabuutii Wal-quunnamsiisu Irratti Shoofeeronni Sodaa Nageenyaa Qabaachuu Ibsan


Namoota konkolaataa mooraa Hoteela agida magaala Samaraa keessa jiru bira tataa'an, naannoo AfaarGuraandhala 14, 2022.
Namoota konkolaataa mooraa Hoteela agida magaala Samaraa keessa jiru bira tataa'an, naannoo AfaarGuraandhala 14, 2022.

Daandii guddaa magaalaa Finfinnee buufata galaanaa qabdu Jibuutii waliin wal qunnamsiisu irratti hanna, butamuu fi hokkarri isaan qaamaa mudachaa jiraachuu, shofeeronni konkolaattota fe’umsaa fageenya dheeraa Sagalee Ameerikaatti himaniiru.

Ji'oota lamaan darban qofa keessatti yoo xiqqaate konkolaachiftoonni shan butamuu ykn ajjeefaman jechuun dubbatan.

Akka shoofeeronni konkoolaataa kunneen jedhanitti, Namoonni qawwee qaban kanneen daandii kanarra jiran, baasii kan ilaaleen dubbatanii furuu manna, ukkaamsanii dhukaas banuun ajjeesuu fi qaamaa hir’isuun hanga ga’uutti, rakkoo irra deeddeebi’ee qunnamuu itti fufee jira jechuun ibsan.Ministeerrii geejibaa fi Loojastikaa rakkoo kana yeroo gabaabaa keessatti akka furuu waadaa kan nuuf seenee ta’uus rakkoon kun daran hammaatee itti fufeera jedhu.

Komishiniin Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa rakkoo nageenyaa shofeeronni fageenya lafa dheeraa mudachaa jiru quba qabna jedheera.

"Rakkoo nageenyaa yeroo ammaa biyyattii keessatti mul'atu kan calaqqisiisudha" jechuun itti gaafatamaan kutaa seeraa fi imaammata komiishiina kanaa Taarikuwaa Geetaachoo RSAtti himanii jiru jechuun Masfiin Arraagee gabaasee jira

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG