Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dr. Warqineh Gabeyyehu Ragaa Bahuuf Mana-murtiitti Dhihaatan

FAAYILII - Ministirri Dhimma Alaa  Itiyoophiyaa duraanii fi Barreessaan Muummee IGAAD Doktor Waqinee Gebeyyehu.
FAAYILII - Ministirri Dhimma Alaa  Itiyoophiyaa duraanii fi Barreessaan Muummee IGAAD Doktor Waqinee Gebeyyehu.

Ministirri Dhimma Alaa Itiyoophiyaa duraanii fi Barreessaan Muummee IGAAD Doktor Waqinee Gebeyyehu Wiixata har’aa mana murtii Olaanaa Feederaalaatti dhihaatanii raga bahanii jiru.

Doktor Warqineen kan mana murtiitti dhihaatan waa’ee korpooreshinii Injiineeringii Sibiilaa Itiyoophiyaa yokaan METEK jedhamee beekamuun walqabatee,himannaa hogganaa dhaabatichaa duraanii Meejeer Jeeneraal Kinfee Daanyewu irratti akka ta’e ibsameera.

Metek Dhaabataa geejiba galaanaa fi loojestiikaa Itiyoophiyaa irraa Dooniwwan lama bitee akka kukkutee itti fayyadamuu boordiidhaan murtaa’uu isaa akka beekan ragaa bahuu isaanii abukaatoo himatamaa obbo Habtoom Tekestee waabeffachuudhaan Gebremikaa’el Gebremedihin gabaaseera.

This item is part of

Forum

XS
SM
MD
LG