Mariin mootummaa Itiyoophiyaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) gidduutti taasifamaa jiru amma akka dhaabbate, dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa Itiyoophiyaa ambaasaaddar Mallas Alam ibsa ibsa torbanii har’a gaazexeessitootaaf kennanii ibsanii jiru.
Dubbi himaan waraana Bilisummaa Oromoo kan addunyaa Odaa Terbii tiwiitara isaanii irratti "Waraana Bilisummaa Oromoo fi sirnicha gidduutti mariin itti fufee jirus ta'e karoorfames hin jiru" jechuun barreessan.
Ambaasaaddar Mallas gama biraatiin, daawwannaa guyyoota shaniif Caamsaa 23-28, bara 2023 itti aanaa muummicha ministeeraa fi ministeera haajaa alaa kan ta’an, Dammaqaa Makonnan Chaayinaatti gaggeessan, walitti dhufeenya Itiyoophiyaa fi Chaayinaa saffisaan guddachaa jiruuf, keessumaa gama invastimantii, daldala, qonna, dawaalee ykn qorichaan, fi dabarsuu teeknooloojiin ta’u ibsan.
Obbo Dammaqaan Yuunivarsiitiin Qorannoo Dhimma Alaa Beejiing "kitaabota Afaan Amaaraa barattoota Chaayinaatiif" qopheesse eebbisuu, fi dhimmoota biroo irratti argamaniiru.
Dubbi himaan ministrii haajaa alaa Itiyoophiyaa kun, dhimmoota yeroo ammaa barbaachisoo ta’an biroo irrattis dubbataniiru jechuun, keeneedii Abaatee Finfinnee irraa gabaasee jira.
Forum