Xurree ittiin seenan

Breaking News

Tajaajilli Geejjibaa Kamaashii fi Wallagga Lixaa Gidduu Eega Addaan Citee Baatiilee Sadii Gahuu Jiraattonni fi Aaangawoonni Dubbatan


Tajaajilli Geejjibaa Kamaashii fi Wallagga Lixaa Gidduu Eega Addaan Citee Baatiilee Sadii Gahuu Jiraattonni fi Aaangawoonni Dubbatan
please wait

No media source currently available

0:00 0:07:19 0:00

Sababaa yaaddoo nageenyaan tajaajilli geejjibaa godinaa Wallaggaa Lixaa fi godinaa ollaa sanaa kan Benishaangul Gumuz – Kamashii gidduu yeroodheeraaf adda cituu isaa jiraattonnii fi aangawoonni naannoo sanaa Sagalee Ameerikaatti himanii jiran. Yeroo ammaa wal-waraansi akka jirre, garuu karaan Gimbii fi Kamashii gidduu gara baatiilee sadiif akka cufatee jiru dubbatan, aangawoonni fi jiraattonni kun.

Bulchaan Wallagga Lixaa, Obbo Solomoon Taammiruu, “sababaan karaan kun itti cufate, daldaltoonni sun tarii miseensonni Waraana Bilisummaa Oromoo qabatanii nu saamu, yaaddoo jedhu irraa ti,” jechuudhaan, itti fufaniis “humni naga-eegumsaa dabalataa naannii sanatti bobbaafamaa jira,” jedhan.

Gama biraatiin, dubbi-himaan Waraana Bilisummaa Oromoo idiladdunyaa – Odaa Tarbii yaaddoo jedhame kana ilaalchisee gaafatamanii, ennaa deebii kennaniin, naannichatti WBO fi humnoota mootummaa jidduutti lollii geggeessamaa waan jiruuf, sochiin namaa akka danqame ibsanii, “ Kana irraa kan hafe WBOn ammaan duras namoota irratti saamicha geggeesse hin qabu. Gara fuul-duraattis hin geggeessu” jedhan.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG