Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ijaarsa Seeraa Alaa Jedhamuun Magaalaa Shaggar Keessatti Manneen Diigaman Ilaalchisee Akka Mootummaan Keessa Deebi’ee Ilaalu Gaafatame


Ijaarsa Seeraa Alaa Jedhamuun Magaalaa Shaggar Keessatti Manneen Diigaman Ilaalchisee Akka Mootummaan Keessa Deebi’ee Ilaalu Gaafatame
please wait

No media source currently available

0:00 0:06:33 0:00

Paartiin Kongirasii Federaalaa Oromoo KFO’n ibsa kaleessa baaseen, magaaalaa Shagger keessatti manneen dhuunfaafi dhaabbilee amantaa “seeraa ala ijaaraman” jedhamuun diigaman ilaalchisee tarkaanfiin mootummaan fudhate qaawwaa seera-dhabeessummaa akka qabu ibsee akka irra-deebiin qoratamu gaafatee jira. Gocha kana balaaleffachuun mormii torban darbe naannoo Masjiida Anwaaritti ka’en walqabatee lubbuu namootaa dhabameef humnootni nageenyaa sababa tahan akka seeraan gaafatamanis, KFO'n ibsa baase kanaan gaafateera.

Gama biraan, Manni Maree Komishinii Mirgoota Namummaa Itoophiyaas gabaasa baaseen, “Magaalota Shaggariif Adaamaa keessatti baati Onkoloolessaa bara 2015 irraa eegalee manneen abbootii fi haadholii warraa 111,811 diigamaniiru jedhee jira.

Dhimma kanarratti anga’oota magaalaa Shaggar irraas tahe naannoo Oromiyaarraa deebii argachuuf yaaliin taasisne milkaa’uu baatullee, Dubbi Himaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Haayiluu Addunyaa kaleessa ibsa sabaa-himaalee biyya keessaaf kennaniiin, “Ijaarsa seeraan alaa diiguun Masjiida qofarratti kan xiyyeeffatee miti, magaalota naannoo Oromiyaa 600 ol keessatti gaggeeffamaa jira,” jedhan.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG