Xurree ittiin seenan

Breaking News

Namoota Qabanii Dhoksuun Akka Dhaabatu Komishiiniin Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa Gaafate


FAAYILII - Mana hidhaa magaala Finfinnee keeessa tokko
FAAYILII - Mana hidhaa magaala Finfinnee keeessa tokko

Namoottan qabanii dhoksuun akka dhaabbachuu qabu Komishiniin mirga namoomaa Itiyoophiyaa ibsa wiixata har’aa baaseen gaafatee jira.

Gabaasa komoshiinichi baasee irraatti mootummaan Itiyoophiyaa dhimmaa namoota seeraan ala qabanii bakka buuteen isanii hin beekamne qoratee itti gaafatamummaa akka mirkaneessu, seera adduunyaa miga nama hundaa warreen humnaan butamanii fudhatamuu irraa eeguu akka kabajuu gaafatee jira.

Namoottan humnaan butaanii dhoksuun reebichaa miidhaa qabuuf akka isaan saaxilu kan ibsee komishiinichi mirga seeraan himatamuu lammiiwwaniis kan dhiibu akka ta’e ibseera.

Hooggantuun hordoffi fi qorannoo mirga mamoomaa komishinichaa Selaamawiit Girmaay akka ibsanitti, Gochi humnaan butanii dhoksuu kun kan mul’achaa jiru naannoo Oromiyaa , Amaaraa fi magalaa Finfinnee keessatti yemmuu ta’uu, naannoo Oromiyaa keessatti namoonii Torba, magaala Finifinnee keessatti namoonni 11 qabamanii achi buuteen isaanii akka hin beekamne gabaasiin kun ibseera.

Naannoo Oromiyaa Godina wallagga lixaa Aanaa Gobbuu Sayyoo keessatti namni tokko akka lakkoofsa Itiyoophiyaa Ebla 24 bara 2014 saa’iboota isaanii Sadii wajjiin erga qabamanii garaa magaalaa Naqamteetti geessamanii booda, yemmuu Sanaa boodaa bakkii isaan jiran akka hin beekamnee ibsamaara.

Karaa biraatiin, miseensii koree hojii raawwachiiftuu Kongireesii Feederaarlisti Oromoo tokko erga onkoloolessaa darbe qabamanii as bakkii isaani jiran akka hin beekamne, Naannoo bulchiinsa Somaalii keessaatti miseensii umnna addaa naanichaa tokkoo ji’a muddee keessa qabamanii bakka buuteen isaanii akka hin beekamnee, Komoshiinichii ibsuu isaa Kenedii Abaatee Finfinnee irraa gabaasera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG