Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Bakka Buutun Addaa Dhimma Ijoollee Bakkawwan Lolli Hidhannoo Jiruu Itoophiyaa Daawwatan


FAAYILII - Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Hooggantuu Dhimma Daa’imman Bakkoota Jeequmsi Hidhannoo Jiruu, Verjiiniyaa Gambaa
FAAYILII - Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Hooggantuu Dhimma Daa’imman Bakkoota Jeequmsi Hidhannoo Jiruu, Verjiiniyaa Gambaa

Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti hooggantuun dhimma daa’immanii bakkoota Jeequmsi jiruutti Verjiiniyaa Gambaa daawwannaa Ishee guyyoota lamaaf Itiyoophiyaatti taasisteen walii galteen yeroo dabre biyyattii keessatti taasifame daa’imman hawwaas diinagdeen miidhaman gargaaruu qaba jedhan.

Yeroo daawwannaa isaanii kana keessatti Finfinneetti itti aanaa Muummee Ministiraa fi Ministira Haajaa alaa, Ministira Barnootaa, Ministira waraanaa , kan haqaa fi Ministira Dubartootaa fi hawwaasummaa akkasumas Komishinii biyyaaleessaa deebisanii dhaabuu, komishinaroota Poolisii waliin haala itti daa’imman yeroo walitti bu’insaa sanarra miidhaan irra ga’eef kunuunsa godhamu irratti marii’ataniiru.

Marii isaanii kana keessattis qooda fudhattoonni kunneen hundi dhaabbata mootummoota gamtoomanii waliin ta’uun haala amma Itiyoophiyaa keessatti mula’achaa jiruun miidhaa yeroo walitti bu’insaatti daa’imman irratti raawwatuu fi daa’imman jajjabeessuu akkasumas miidhaa korniyaa qaamoota walitti bu’aniin raawwateeru bakkatti deebisuu. Daa’imman butamanii jiran gadhiisisuu , yeroo walitti bu’insaatti humnoota hidhataniin kan miidhaman deebisanii dhaabuu, manneen barnootaa yeroo walitti bu’insaatti hojii baruu fi barsiisuun ala turan bakkatti deebisuu dabalatee warra miidhaan irra ga’ee hafan kan humnaan gudeeddii dabalateef leenjiin haala kennamuufiirrattis marii taasisaniiru.

Qaamolee Mootummaan allattis Verjiniyaa Gambaa dhaabbilee dhhabbata mootummoota gamtoomanii kanneen daa’imman irratti hojjetanii fi dhaabbilee mit-mootuummaa waliin marii taasisaniiru.

Bakka buttuun addaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii dhimma daa’imman bakkoota walitti bu’insi jiruuttii eegumsa daa’immaniif taasiisurratti tarkaanfii gama mootumaa Itiyoophiyaan jiru jajjabeessaadha jedhaniiru. Dhaabbaanni mootummoota gamtoomanii kana gargaaruuf qophii ta’uu himuun Itiyoophiyaa keessatti nageenyi dhufuun kan barbaachisu daa’imman haala mijataa keessa akka jirataaniif taasisa jedhaniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG