Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gareeleen Sudaan Wal Waraanan Deebi’anii Marii Itti Fufan


Aara wal waraansa geggeeffamaa jirun mullatu, Kaartum, Sudaan, Waxabajji 4, 2023.
Aara wal waraansa geggeeffamaa jirun mullatu, Kaartum, Sudaan, Waxabajji 4, 2023.

Gareen Sudaan keessatti wal waraanaa jiran marii dhukaasa dhaabuu maanguddummaa Ameerikaa fi Sa’uudii Arabiyaan deebi’anii jalqabuu isaanii Televiziyonni Al Arabiyaa Kibxata kaleessaa gabaaseera.

Kunis magaalaa Kaartuum samii fi lafoon walitti bu’iinsa keessa ituu jiranii ta’uun ibsamee jira.

Lolli waraanaa fi Humnoota Deeggarsa Saffisaa gidduutti uumame, amma torban saddeetffaaf yoo ta’u, namoota nagaa dhukaasa gam lameenii giddutti danqamanii, tajaajila bu’uuraa argachuu isaanii addaan kutee, seera dhabdummaa babal’isee jira.

Sa’uudii Arabiyaa fi Ameerikaan gargaarsa namoomaa kennuuf jecha marii dhukaasa dhaabuu kan guutummaan hin milkoofne akka kabajamu gidduu seenanii turan.

Garuu mariin kun torban darbe fashalee jira. Kan Abbaa qabeenyaa Sa’uudii kan ta’e Al Arabiya akka jedhetti, gamnii lamaan karaa kallattiin hin taaneen dubbachuu akka fedhan ibsan jechuu bira darbee bal’inaan kan dubbatan hin qaban.

Waraannii Sudaanii fi hidhattonni humna saffisaa ykn RSF battalumatti yaada hin kennine. Haleellaan meeshaa waraanaa gurguddaa fi qilleensa irraa halkan edaa kan itti fufe yoo ta’u, jiraattonni Kaartuum kibbaa fi baha akkasumas Bahrii kaabaa Kibxata kaleessaa sagalee meeshaa waraanaa gurguddaa fi qawwee dhaga’uu gabaasan

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG