Xurree ittiin seenan

Breaking News

Waa’ee Namoota 27 Wallagga Bahaa, Aanaa Saasiggaatti Bara Dabre Butamanii Odeeffannoo Gahaa Dhabuu Dubbatu Maatiin Isaanii 


Waa’ee Namoota 27 Wallagga Bahaa, Aanaa Saasiggaatti Bara Dabre Butamanii Odeeffannoo Gahaa Dhabuu Dubbatu Maatiin Isaanii 
please wait

No media source currently available

0:00 0:06:41 0:00

Waa’ee Namoota 27 Wallagga Bahaa, Aanaa Saasiggaatti Bara Dabre Butamanii Odeeffannoo Gahaa Dhabuu Dubbatu Maatiin Isaanii 

Naannoo Oromiyaa Godina Wallagga Bahaa Keessatti, Hojjattoota Mootummaa Aanaa Saasiggaa 27 Waraana Bilisummaa Oromootiin akka lakkoobsa Itiyoophiyaatti Onkololessa Bara 2014 keessa butamanii fudhatamaniiru jedhan hanga ammaatti eessa akka bu’an beekuu dhabuu isaanii maatii keessaa hagi tokko Sagalee Ameerikaatti himan.

Hojjattootni mootummaa kunneen magaalaa Naqamteetii gara Saasiggaatti hojiif otuuu deemanii butamanii fudhataman jedhanii, mootummaan akka waa’ee ajjeechaa kanaa yeroon isaaniif hin ibsiin dubbatan.


Bulchaan Aanaa Saasiggaa Obbo Alamaayyoo Ejjetaa, "yeroo caqasametti hojhattootni mootummaa 27 Shaneedhaan erga butamanii fudhatamanii booda tarkaanfiin irratti fudhatamuusaa hawaasa naannoorraa mirkaneeffannee, akka ajjeesaman maatii isaaniitti beeksisneerra" jechuun Sagalee Ameerikaatti himanii jiru.

Dubbi-himaan Waraana Bilisummaa Orommoo, Obbo Odaa Tarbii immoo, "dhimmichi addatti qoratamuu qaba," jedhanii, akka dhaabni isaanii gochicha balaaleffatu eeran.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG