Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itiyoophiyaan Gargaarsa Nyaataa Biyyattii Irraa Kutuun Uummata Miliyoona Hedduu Adabuudha Jette


FAAYILII - Midhaan qarqaarsaa naannoo Tigraay fi Affaarif hiramuuf qophaahee buusaa Dhaabbata Nyaataa Addunyaa keessatti, Samaraa, naannoo Affar, Guraandhala 21, 2022.
FAAYILII - Midhaan qarqaarsaa naannoo Tigraay fi Affaarif hiramuuf qophaahee buusaa Dhaabbata Nyaataa Addunyaa keessatti, Samaraa, naannoo Affar, Guraandhala 21, 2022.

Itiyoophiyaa keessatti gargaarsi nyaataa warra isaan barbaachiisu irraa maqsamuu isaa erga hubatanii booda, dhaabbileen gargaarsaa gurguddoon lama gara biyyattiitti gargaarsa nyaataa ergamu dhaabuuf tarkaanfii fudhatan Mootummaan Ityoophiyaa Sambata darbe qeeqee jira.

Dubbi himaan mootummaa Itoophiyaa Dr.Laggasaa Tulluu gaazexeessootaaf akka himanitti, murteen dhabata misooma sadarkaa addunyaa kan Yunaaytid Isteetis (USAID) fi Sagantaa Nyaata Addunyaa (WFP) kun uummata''miliyoonaan lakkaa'aman adaba'' jedhan.

Dhaabbata gargaarsa -addunyaa guddicha kan mootummaa Ameerikaa USAID Kamisa darbe akka jedheetti, akkaataa gargaarsi kun itti raabsamuu irratti ''hanga haallii jijjiramee hojiirra oolutti'' raabsa nyaataa dhaabaa jira jedheera.

Sgantaan nyaata addunyaa ykn WFPn kana hordoofee, Jimaata darbe yeroodhaaf gargaarsa nyaataa hanga tokko qofa raabsuu dhaabaan jira jedheera.

Murteen kun lammiilee Ityoophiyaa miliyoonaan lakkaa’aman kanneen sababa wal waraansa hamaa bulchiinsa naannoo Tigraay keessatti mudateen hanqinni nyaataa hamaa isaan mudate, akkasumas kanneen caamaaan Itiyoophiyaa kibbaa fi kibba bahaa akkasumas, Somaaliyaa fi kutaalee Keeniyaa hanga tokko mudateen miidhaman irratti dhiibbaa kan geessisu ta’uu ibsameera.

Ji’a darbe USAID fi WFP gargaarsii nyaataa Tigraayiif kennamuu, gabaa irratti gurguramaa akka jiru erga bira ga’anii booda gargaarsa nyaataa erguu dhaabuu isaanii ibsanii turan.

Dhaabatonni lamaanuu namoota gargaarsa kana fudhatanii deebi’anii gurguruuf itti gaafatamummaa qaban adda hin baasne.

Haa ta'u malee, Dr. LaggasaaTulluun murteen gargaarsa dhaabuu kun ''siyaasaa'' ta'uu ibsuun, maqfamuu gargaarsaa jedhame kanaaf ''mootummaa qofa itti gaafatamaa gochuun'' fudhatama hin qabu jedhan

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG