Hordoftoonii amantii Ugaandaa irraa garaa Itiyoophiyaa dhufanii turan 80 ta’an gara biyyaa isaaniiti akka deebi’an taasifamuu isaa haanga’oonii mootummaa Ugaandaa beeksisaniiru.
Namoonii kun Itiyyophiyaa kan seenan ji’a Guraandhalaa keessaa yemuu ta’u, kutaa baha Ugaandaa bakka Soroti jedahmuu gara Itiyoophiyaa kan dhaqan hogganaan amaantii isaanii ergaa guyyoottan 40 fi nyaataa soomtanii boodaa ni duutuu, waaqayyoo wajjin wal argituu, fayyina bara baraa ni argattu jechuudhaan gorse booda akka ta’e dubbii himaan Ministira dhimma biyyaa keessaa kan mootummaa Ugaandaa ibsaniiru.
Dubbi himaa Simon Muundeey akka madda oduu Ajaans Firaans Prees/AFP ti himanitti, namootan kan biyyaa isaaniitti deebisuudhaaf mootummaa Itiyyophiyaa wajjin qindoominaa hojii hojjatameen lammileen biyyaa isanii nagaadhaan debi’aniiru. Akkasumas garee nageenyaa waloodhaan qindeesuudhaan hogganaa amantichaa kan ta’e Paaster Simon Opolot galmee namoottan yakkaan barbadamanuu keessaa galuu isaa fi bakka argameetti akka qabamu murtaa’u isa dubbi himichii beeksisuun isaanii gabasameera.
Bara 2000 keessaa Yaada, “ Ugaandaa keessaatti Abboommiwwan waaqayyo Kurnan deebisanii dhaabuu” jedhu fi “darbuun adduunyaa gaheeraa” jedhu jalatti namoonni 700 abidaan of gubanii dhumuun isaanii adduunya irratti amantiidhaan walqabatee dhumiinsa hamaa raawwatame keessaa isaa tokko ta’ee galamaawee jira.
Bara keessa jirru kana, ji’a Eblaa keessaa biyya olla Keniyaa keessatti, namoonii “ of beelessuudhaan yoo duutan waqayyoo wajjin walargitu’’ jedhaman 250 gahan du’un isaanii fi hogganaan amantichaa, nammi Pool Niteengee Makaanzii jedhamuu mootummaa keeniyaatii qabamee himannaa hedduun irratti dhihaachuun isa ani beekama.
Forum