Xurree ittiin seenan

Breaking News

Addunyaa Irratti Uummanni Miliyoona  100 fi Miliyoona 10 Qe’ee Ofii Irraa Buqqa’uuf Dirqamuu UNHCR Beeksise


Namoota qehee ofii irraa buqahanii buufata yeroo keessa jiran, Goomaa, Koongoo, Amajii 13, 2023.
Namoota qehee ofii irraa buqahanii buufata yeroo keessa jiran, Goomaa, Koongoo, Amajii 13, 2023.

Sababaa walitti bu’iinsaa, ari’atamuu ykn dhiittaa mirga namaan kan ka’e uummanni miliyoonni 110 qe’ee ofii dhiisanii baqachuuf dirqamuu isaanii komiishinni ol aanaan dhimma baqattootaa kan tokkummaa mootummootaa beeksisee jira. Baatii Eblaa qabee Sudan keessaa sababaa wal waraansa kanaan namoonnia gara miliyoona lamaa ta’an qe’ee ofii irraa buqa’aniiru, kunis lakkoobsi kun dabaluuf sababaa ta’ee jira. Jarmayaa baqattootaa kan tokkummaa mootummootaa kan hoogganan Filiippoo Graandii gabaasi waggaa kan UNHCR kan bara 2022 Roobii har’aa utuu hin maxxanfamin dura gaazixeessotaaf Jenevaa keessatti ibsa kennaniin kun addunyaa keessaa rakkoo isa guddaa dha jedhan.

Waggaa darbe qofaa erga wal waraansa addunyaa lammaffaatii as namoonni qe’ee ofii irraa buqqa’uu inni guddichi Rashiyaan weerara Yukireen keessatti geggeessite jalaa kanneen dheessan miliyoona 11 ol kanneen ta’an dabalatee namoonni itti dabalaa miliyoonni 19 qe’ee ofii irraa buqqa’aniiru. Baay’ee muraasa qofatu mata duree oduu ta’u jechuun Giraandiin gaazexeessitootaaf kennaniin, waraanni Sudaan keessatti raawwatame lammiileen biyyoota dhihaa erga gamasii baafamanii booda maxxansaa fuula duraa irratti ba’uu dhabe jechuun falmaniiru.

Waldhabdeen Rippabiliikii Dimookiraatawaa Koongoo, Itiyoophiyaa fi Mayanamaar keessatti uumamees bara 2022tti tokkoon tokkoon biyyootii kanaa keessatti namoota miliyoona tokkoo ol qe’ee ofii irraa buqqa’uuf sababaa ta’ee jira. Akka addunyaatti buqqaatonni harki caalaan isaanii naannoo daangaa biyya ofii keessa jiru. Isaan keessaa harka sadii keessaa tokko kanneen miiliyoonni 35 ta’an gara biyyoota birootti baqachuu dhaan baqattoota akka ta'an gabaasni UNHCR ni mul'isa.

Baqattoonni irra caalaan kan keessummeessaman biyyoota dureeyyii Awurooppaa ykn Ameerikaa Kaabaa keessa jiraniin osoo hin taane, biyyoota galii gadi aanaa hanga giddu galeessaa Eeshiyaa fi Afrikaa keessa jiraniin ta’u Grandiin ibsaniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG