Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ministarri Dhimma Alaa Itiyoophiyaa Gargaarsi Maqsamuu  Ilaalchisee Qorannaa Geggeessamu Mootummaan Akka Tumsu Ibse


Ministira haajaa alaa Itiyoophiyaatti dubbi himaa kan ta’an Oobbo Melles Alem
Ministira haajaa alaa Itiyoophiyaatti dubbi himaa kan ta’an Oobbo Melles Alem

Itiyoophiyaa Keessatti Namoota Midhaan gargaarsaa dhimmoota hin malleef oolchan qorachuun itti gaafatamummaan akka jiraatu ni taasifama jedhe Minnistirri Haajaa Alaa Itiyoophiyaa. Ministira haajaa alaa Itiyoophiyaatti dubbi himaa kan ta’an oobbo Melles Alem Ibsa sabaa himaaleef kennaniin Itiyoophiyaa keessatti kanneen midhaan nyaataa gargaarsaa dhimma oolfamuu qabuufiin ala dabarsan itti gaafatamu jedhan.

Dhimmuma kanarratti Ministirri haajaa alaa Itiyoophiyaa Dammeqee Mokoniin gita Isaanii ministira haajaa Alaa Yuunaayiitid Isteetsi Antoonii Biliinkeen waliin waxabajjii 8 2023 Saa’uudii Arabiyaa magaalaa Jiddaatti wal arganii marii taasiisuu fi dhimmichi dhimma waloo biyyoota lamanii ta’uu irratti walii galanii qaamoota midhaan nyaataa gargaarsaa kana dhimma hin malleef oolchan qorachuun itti gaafatamummaan akka jiraatu ni taasifamas jedhan.

Itti dabaluunis Yaa’iin Wal ta’iinsa biyyoota baha Afrikaa Jibuuttiitti taasifamuu himanii Keeniyaa, Itiyoophiyaa, Jibuutii fi Sudaan Kibbaa waliin ta’uun hooggantoonni waraanaa Sudaan Leteenaant Jeneeraal Abdeel Fattaah Al Burhaanii fi Jeneeraal Muhaammad Hamdaan Dagaloo fulaa fuulatti waliin taa’aanii akka marii’ataniif haala akka mijeessanis eeraniiru jedha Gaabasni Finfinneerraa Keeneedii Abaatee erge.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG