Xurree ittiin seenan

Breaking News

Amuruu fi Kiramuutti Namoonni Shan “Hidhattoota Faannootiin Ajjeesaman” Jedhan Jiraattota Naannoo Keessaa


Amuruu fi Kiramuutti Namoonni Shan “Hidhattoota Faannootiin Ajjeesaman” Jedhan Jiraattota Naannoo Keessaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:06:10 0:00

Koomishiniin Mirgoota Namummaa Itoophiyaa Oromiyaa Lixaa keessatti humnoota mootummaa dabalatee qaamolee hidhatan kanneen biroon lammiilee meesha maleeyyii irratti raawwatu dabaluun akka isa yaaddessu beeksise.

Kanumaan wal qabatee, Naannoo Oromiyaa Godina Horroo Guduruu Wallaggaa, Aanaa Amuruu keessatti, hidhattoota al idilee jiraattotni naannoo sanaa “Finxaaleyyii Amaaraa” jechuun waamaniin namootni meesha maleeyyii shan ajjeesamuu isaanii namoota ijaan argineerra jedhaniifi jiraattota keessaa hagi tokko Sagalee Ameerikaatti himanii jiru.

Itti gaafatamaan Waajjira Bulchiinsaafi Nageenyaa Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Obbo Abdiisaa Qana’aa, “Dhimma ajjeechaa Aanaa Amuruu keessatti raawwatame jedhame ilaalchisee, odeeffannoo gochaa sana agarsiisu hin arganne” jedhan.

Gama biraan, Jaarmaya Mootummoota Gamtoomaniitti, Waajjirri Qindeessaa Gargaarsa Namummaa, UN OCHA, Naannoo Oromiyaa keessumaa godinaalee Wallagga Bahaafi Horroo Guduruu Wallaggaatti namoota meeshaa waraanaa hin hidhatin irratti haleellaawwan taasisaman du’aafi buqqaatiif saaxilamaa jiru jechuun gabaasa kaleessa baaseen beeksisee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG