Gadda guddaa keessa kan jirtu magaalaan daangaa Uugaandaa haleellaa gara jabinaa iphxee looltoota leellistummaa shakkamaniin mana barumsaa tokko irratti raawwatameen namoota 42 kan du’an Dilbata kaleessaa awwaaluu eegaltee jirtii.
Irra caalaan isaanii barattootaa yoo ta’an , humnoonni nageenyaa daangaa Koongoo Bahaa kan hokkaraan raafamtuu keessatti to’annaa cimaa taasisaa jiran.
Haleellaa Jimaata galgala barattoonni 38 ajjeefamanii namoota saddeet madaa’an keessaa tokko halkan tokkotti du’uu kantiibaan magaalaa Mpondwe-Lhubiriha himanii jiru.
Kana malees, Barattoota 38 kanaan alattis waardiyyaa mana barumsichaa fi lammiilee nagaa ykn siviliin sadii ta'uu ibsameera. Yoo xiqqaate isaan keessaa lama miseensota maatii tokkoo kan ta'an Dilbata kaleessaa awwaalaman.
Angawoonni Uugaandaa yoo xiqqaate barattoonni jaha butamanii, akka namoota fe’uumsa baataniitti gara Koongoo keessatti deebi'aniiru jedhanii amanu.
Miseensi paarlaamaa naannoo sanaa Atkiins Godfrey Katusabe, namoonni qor-qalbiin isaanii miidhamee akkasumas miiraan dhiigaa jiru'' jedhan.
Barreessaan dureen Tokkummaa Mootummootaa Antoniyoo Gutarres ibsa baasaniin, haleellaa kana balaaleffachuun, barbaachisummaa tattaaffii waloo, tumsa naannoo cimsuu dabalatee, nageenya dhabuu daangaa Kongoo fi Uugaandaa gidduu jiru furuuf akkasumas nagaa waaraa naannoo sanatti deebisuun barbaachisaa ta’u ibsan.
Forum