Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dhibeen Koleeraa Godinaalee Booranaa fi Gudjii Keessatti Ammallee Mul’achaa Akka Jiru Himame

FAAYILII - Daa'ima umuriin 10, Dansaa Tadichaa yeroo ongeen hammmaatetti bakka horiin dhuguu yeroo bishaan waraabdu, Moyaalee, Waxabajjii 12, 2009
FAAYILII - Daa'ima umuriin 10, Dansaa Tadichaa yeroo ongeen hammmaatetti bakka horiin dhuguu yeroo bishaan waraabdu, Moyaalee, Waxabajjii 12, 2009

Weerarri dhibee koleeraa ammas naannoo Oromiyaa Godinaalee Booranaa fi Gujii keessatti mullataa akka jiru, Biiroon fayyaa Oromiyaa akeekkachiisee jira. Obbo Gammachuu Shuumii, Biiroo Fayyaa Oromiyaatti daayirektorri, Diirektoreetii hooggansa Balaa Tasaa Hawaasaa VOA’f ibsa kenaniin dhibeen kun erga Hagayya darbeetti as naannoo Oromiyaatti namoota 81 ajjeesuu, kannrrn kuma 6 ol ta’an ammoo dhukkubichaan qabamuu dubbatan.

Ammas dhibeen Koleeraa kun buufata buqqattoota Dubluqitti dabalatee godinicha keessa aanota kaan keessatti mullachuu angawoonni ibsanii jiran. Biiroon Eegumsa Fayyaa naannoo Oromiyaa rakkoon nageenyaa fi dhibbaan hongee akka dhibeen Koleeraa hin to’atamne taasise, jedhan.

Dhibeen Koleeraa Godinaalee Booranaa fi Gudjii Keessatti Ammallee Mul’achaa Akka Jiru Himame
please wait

No media source currently available

0:00 0:07:11 0:00

Forum

XS
SM
MD
LG