Walitti qabduu boordii filannoo biyyooleessaa kan turan aaddee Birtuukaan Miidhagsaa itti gaafatama isaanii fedha isaaniin gadhisuu isaanii fees buukii ofii irratti beeksisanii jiru.
Baatii Mudddee bara 2011 walitti qabduu bordii ta’uun hojii koo ergan jalqabee as, dhabata keenaya amanamaa fi ofiin of- danda’ee filannoo akka gaggeessuu gochuuf akeekeen ture kan jedhan aaddee Birtuukaan, waggoota darban afurii fi baatii 6f hiree murteeffannoo uummataa sadii fi filannoo guutuu biyyaa gaggeessuun, akkasumas paartilee siyaasaa bulchuuf itti gaafatama natti kennameen, karaa seera qabeessa haqaa fj garaa guutuun haala ta’een hojjachuuf yaalaan ture jedhan aaddee Birtuukaan.
Ta’uus fayyaaa koo eeguuf boqonnaa yeroo dheeraa kan na barbaachiisu ta’e waan argameef Hagayya 1 bara 2015 kaasee walitti qabduu bordii filannoo biyyaaleessaa irraa fedha koon gadhiisuu koo, waajiira af-yaa’ii mana maree bakka buutootaatti waxabajjii 5 bara 2015 beeksiseen jira jedha.
Hagasitti yeroon qabu keessatti, hojii hin xumuramiin jiran xumuruu fi cee’uumsa bulchiinsaa rawwachuuf itti gaafatam na irra jiru kan itti ba’u ta’aa jedhanii jiru
Forum