Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itiyoophiyaan Lammiwwan Ertiraa 200 Biyya Isheetii Baaste Jechuun Maatiileen Isaanii Himatan 


FAAYILII - Baqattoota Ertiraa buufata baqattootaa May Ayinii keessatti, Itoophiyaa, Amajji 30, 2021.
FAAYILII - Baqattoota Ertiraa buufata baqattootaa May Ayinii keessatti, Itoophiyaa, Amajji 30, 2021.

Itiyoophiyaan baqattoota Eertiraa 200 Finfinnee irraa biyyaa ari'uu firoottan isaanii himan. Baqattoonni lammii Eertiraa lama Finfinnee keessa jiraatan RSAtti akka himanitti, kan itti aanuu nu ta’u danda'aa yaaddoo keessa jirra.

Mootummaan Itiyoophiyaa baqattoota 200 Awutobusii 4n gara magaala Eertiraa taatee Asaabti erguun biyyaa ari’uu himan. Komishiniin Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa Ibsa Dilbata Amajjii 24, bara 2023 baaseen, balaan baqattootaa fi koolu galtoota irra gahu irratti yaaddoo qaba jedheera.

"Seera mirga namoomaa kan addunyaa, seera bu'uuraa baqataan hin deebi'in jedhu jalatti, namni kamiyyuu gara biyya darara, gochii gara jabummaan namummaa irra ga’e ykn salphina ykn adabbii fi miidhaa hin fayyine biroo isa mudachuu danda'utti akka hin deebine wabii kenna.jedha ibsii gareen mirga namoomaa kan Itiyophiyaa baase kun.

Mootummaan Itoophiyaa garuu namoota dhuunfaa deebi'an keessaa tokkollee baqatoota ykn koolu galtoota akka hin taane ibseera.

Tajaajilli Baqattootaa fi kanneen biyya ofiitti Deebi’anii kan Itiyoophiyaa(RRS) odeeffannoo hidhamuu baqattootaa ilaallatu kamiyyuu mirkaneessuu fi deebii kennuuf garee hundeessuu isaa ibseera.

Of eeggannoo akkasii erga godhamee boodas, baqattoonni afur osoo hin beekin adeemsa deebi'uu keessatti hammatamuun isaanii erga hubatamee booda, tarkaanfiin hatattamaa fudhatame, gara Finfinneetti deebi'aa jiru" jechuun RRS ibseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG