Xurree ittiin seenan

Breaking News

Konkolaachistoota Aliidoorootti Butamanii Turan Keessaa Yoo Xiqqaate 16 Gad-Dhiisamuu Maatii Isaanii Keessaa Dubbatan 


FAAYILII - Karaa Bishooftuu gara Finfinnee deemu, Hagayya 2, 2007
FAAYILII - Karaa Bishooftuu gara Finfinnee deemu, Hagayya 2, 2007

Konkolaachistoonni Naannoo Amaraarraa gara Finfinneetti Imalaa Turan Godina Shawwaa Kaabaa bakka Aliidoroo jedhamu naannoo Oromiyaatti Waraana Bilisummaa Oromoon ukkaamfamuu himatan baay’inni isaanii 16 ta’an maatiin isaanii nama tokkoof birrii miiliyoona tokko kaffaluun akka gadhiifaman sagalee Ameerikaatti himaniiru.

Maatii fi firoottaan Konkoolaachistootaa nu jalaa uukkamafan jechuun torban darbe Sagalee Ameerikaatti himan baay’inni konkolaachistootaa butaman jedhamanii 30 akka ta’anii fi hidhattoonni konkolaachistoota sana butanis Waraana Bilisummaa Oromoon akka tahetti dubbatanii turan.

Waraanni bilisummaa Oromoo gama isaan karaa dubbii himaa isaa gochaa kana keessaa akka harka hin qabne dubbatee ture. Dubbi-himaan gurmuu kanaa Odaa Tarbii, torban dabre deebii Sagalee Ameerikaaf kennaniin “Humnoonni keenya gochaa akkanaa raaw’atanii hin beekan. Gara fuul-duraattis hin raaw’atan.” Jechuu isaanii ASteer Misgaanaaw, Baahir Daar irraa gabaastee jirti.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG