Xurree ittiin seenan

Breaking News

Jaarmayaan Baqattoota Addunyaa Itiyoophiyaan Baqattoota Kuma 823 Keessumsaa Jirti Jedhe 


Namoota Suudan irraa baqatanii Itoophiyaa seenan, Matammaa, Caamsaa 5, 2023.
Namoota Suudan irraa baqatanii Itoophiyaa seenan, Matammaa, Caamsaa 5, 2023.

Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Jaarmiyaan dhimma baqattootaa akka beeksiseetti Itiyoophiyaan Baqattootaa fi kanneen koolu galtummaa barbaadan 823,000 keessummeessaa jirti jedhe. Baqattoonni kunneenis baay’inaan biyyoota kanneen akka Sudaan Kibbaa, Somaaliyaa fi Eriitiriyaa irraa akka ta’anidha. Baay’een isaaniis buufatalee 24 ta’an kanneen naannoolee Shan keessatti argamanidhas. Baqattoonni kanneen 70,000 ta’an magaalota kanneen akka Finfinnee keessa kan jiraatan yommuu ta’u, baqattoota Itiyoophiyaa keeessa jiran keessaa dhibbeentaan 47 dubartootaa fi shamarrandha. Kanneen dhibbeentaa 59 ta’animmoo daa’imman akka ta’anidha.

Itiyoophiyaan baqattoota biyyoota ollaarraa dhufaniin alattis achuma biyya keessaa qe’ee isaaniirraa sababoota garaagaraan kanneen buqqa’an miiliyoona 4.2 keessummeessaa jirti. Kanneen miiliyoona 1.5 ta’animmo gara qe’ee isaaniitti deebifamaniiru. Warri qe’ee isaaniitti deebifaman kunneen baay’inaan kanneen sababa waraana Kaaba Itiyoophiyaatti uumamee tureen qe’ee isaaniirraa buqqa’anidhas jedhe UNHCR.

Bakka bu’aan waajjira Jaarmiyaa dhimma baqattootaa kan dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Finfinnee akka ifoomseetti buufatalee baqattootaa kanneen naannoolee akka Affaar, Amhaaraa, Beenishanguul- Gumuuz, Gaambeellaa, Oromiyaa , Somaali fi Tigiraay akkasumas Dirree Dawwaa keessaa akka deeggaru himee, Baqattoonni biyya keessaas deegarsa baqatummaa kan idil addunyaan akka deeggaraman ibseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG