Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gamtaan Awurooppaa Koomishina Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaatiif Gargaarsa Kenne 


Alaabaa Gamtaa Awurooppaa
Alaabaa Gamtaa Awurooppaa

Nageenyaa wara qabeessa ta’e fiduudhaafi araara buusuuf Yaali komishiniin Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa taasisuu kan deggeru Dhaabbanni Gamtaan Awurooppaa fi biyyoottan miseensota gamtichaa gargaarsaa Komishiinii Marii Biyyaaleesaa Itiyoophiyaf kan oolu Yuuroo Miiliyoonii Torba ykn Birrii Itiyoophiyaa Miiliyoonii 300 fi miiliyoonii miiliyoonii 85 laachuu isaanii Roobii har’aa ibsa waloodhaan basaniin beeksisanii jiru.

Gamataan Awurooppaa dhimmaa Itiyoophiyaa ilaalchisee imaammata hordofuu qabau haraa baasuu isaa, Itiyoophiyaatti bakka bu’aa gamtichaa kan ta’an Roolaand Koobiyaa kan ibsan yemmuu ta’u, akka michuu misoomaa Itiyoophiyaatti kan of ilaaluu gamtaan Awuroopaa hojiin Komishiinii marii biyyaalessaa akk fixaan bahu abdii qabaachuu isaanii akka ibsan beekameera.

Haalumaa walqabateen Itiyoophiyatti bakka buutuu mootummaa Yunaayitid Isteetes kan ta’an Ambaasader Tireesii Jaakobsen, guyyaa walabummaa Yunaayitid Isteets ilaalchisuudhaan yaada kennaniin, hojiin Komishiiniin Marii Biyyaalesaa Itiyoophiyaa hojjachaa jiru hojiiwwan, Itiyoophiyaa keessaatti kabajini keennamuufi qabu keessaa isa tokko akka ta’e ibsuu isaanii Kenedii Abaatee Gabaaseera.

Voa/bd/dw

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG