Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yaa’ii Paarlaamaa Har’aarratti Minseessi Paartii Mormituu Muummichi Ministiraa Aangoo Akka Gad-Lakkisan Gaafatan  


FAAYILII - Yaa'ii Paarlaamaa Itiyoophiyaa, Finfinnee, Waxabajjii 14, 2022.
FAAYILII - Yaa'ii Paarlaamaa Itiyoophiyaa, Finfinnee, Waxabajjii 14, 2022.

Muummeen Ministiraa Abiyyi Ahmad har’a yaa’ii idilee mana maree bakka bu’oota Uummataarratti dhiyyatanii gaaffiiwwan miseensota mana maree bakka bu’oota Uummataarraa dhiyyataniif deebii kennaniiru. Gaaffiiwwan dhimmoota diinagdee fi nageenyaa kanneen bal’inaan miseensonni mana marichaa akka gaaffiitti kaasaa turanidha.

Paartii siyaasaa mormituu “ABIN” irraa mana bakka bu’oota Uummataatti miseensa kan ta’an Doktor Dassalee Caannee jeequmsa amma biyyattiin keessa galtee jirtuuf muummeen ministiraa aangoo isaanii akka gadhiisan akkasumas manni marichaallee diigamee bulchiinsa Uummataaf dabarfamee filannoon biraa akka gaggeeffamu gaafataniiru. Muummeen Ministiraa Abiyyi Ahimadis yommuu deebisan gaaffichi faayidaa miidiyaa hawwaasummaaf yoo ta’e malee faayidaa hin qabu jechuun deebisaniiru.

Walii galteen nageenyaa Humna Adda Bilisa baasaa Uummata Tigiraay waliin taasifame itti fufinsa akka qabaatuuf mootummaan isaanii kan hojjetu ta’uu kan hin Abiyyi Ahimad mariin waraana bilisummaa Oromoo waliin jalqabamee ture maalirra akka ga’e gaaffii ka’eef garuu deebbii osoo hin kenniin bira darbaniiru. Akkasumas walitti dhufeenyi Eriitiriyaa fi Itiyoophiyaa yeroo ammaa sadarkaa maaalirra akka jiru gaaffii gaafataminifis yaada osoo hin kenniin dhiisaniiru.

Manni Marichaa yaa’ii isa har’aan bajaata bara 2016 birrii biiliyoona 801. 65 isaaf dhiyyaates raggaasiseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:07:19 0:00
More
XS
SM
MD
LG