Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hidhattoota Eenyummaan Isaanii Hin Beekamiiniin Haleellaa Benishaangul Gumuz Keessatti Raaw'atameen Namoonni Kudhan Ajjeesaman


Bulchiinsa naannoo Beenishaangul Gumuz keessa
Bulchiinsa naannoo Beenishaangul Gumuz keessa

Bulchiinsa naannoo Beenishaangul Gumuz keessatti haleellaa jimaata dheengaddaa Adoolesa 7 bara 2023 sivilota irratti raawwatameen namoonni kudha du’anii Sagal immoo mada’uun isaanii beekameeraa.

Akka jiraattonni Sagalee Amerikaatti himanitti ajjeechaan raawwatame kun magaala Gilgel Beles bakka Kaampii Chaayina jedhamuu fi godina Matakal keessaati arrgamutti.

Haleelaa kana kan raawwaatan hidhattoota garee Sochii Demokraatawaa umata Gumuz, warreen waligaltee mootummaa wajjin taasifameen meeshaa hikkatanii garaa jireenyaa nagaatti deebi’un isaanii labsamee tureen akka ta’e jiraattonni kun himanii jiru.

Hogganaa garee kana kan ta’an Obboo Giraany Guddataa himannaa dhaaba isaanii irratti dhihaatee kana haalanii, miseensonni garee isaanii meeshaa hiikkatanii gara jireenya nagaatti deebii’uu isaanii insuudhaan, ajjeechaa amma raawwatame kana balaaleffachuu isanii fi mootummaa waliin ta’uudhaan qorannoo akka taasisan ibsuu isaanii Asteer Misgaanawu gabaasteetti.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG