Xurree ittiin seenan

Breaking News

Shamaran Injiinaroonni 5 Appii Sadarkaa Qulqullina Bunaa Madaalu Tolchan  


Shamaran Injiinaroonni 5 Appii Sadarkaa Qulqullina Bunaa Madaalu Tolchan
please wait

No media source currently available

0:00 0:09:56 0:00

Projektiin eebba Yuniversitii kan walitti isaan fide shamarran shan wal ta’uu dhaan akkaataa sadarkaan bunaa itti kennamu ilaalchisee rakkoo jiru furuuf mala dha’an. Shamarran kun shananuu barumsa injinerummaan digirii jalqabaa hojjetaniiru. Bu’uusitoota keessaa tokko kan taate Hawwii Kabbadaa, bunni kan inni qulqullinni isaa madaalamuu fi gatiin isaa kan ba’u sadarkaa kennameefiin ta’uu ibsitee jirti. Bunni harka namaan sadarkaan waan kennamuuf jecha rakkoolee hedduutu uumamaa jetti.

Kana irraa ka’uu dhaan Appii “Abol” jedhu kan kalaqe gareen kun bakka irraa eebbifaman Yuniversitii Jimmaa keessaa projektiin eebba isaanii hedduu biratti ajaa’ibsiifannaa horachuu isaa Hawwiin ibsitee jirti. Gareen kun walitti dhufuun kan hundeessi dhaabi Hiikoo Injineriing jedhamu illee yeroo ammaa hojiiwwan teeknooloojii adda addaa irratti hojjechuuf jalqabbii irra jiraachuu dubbatti Hawwiin. Gara fuula duraattis mul’ata guddaa qabaniin qaama dhimmi ilaalu biraa eeyama ennaa argatan hojiin kun babal’atee itti fufa jette.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG