Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itiyoophiyaatti Uggurri Miidiyaalee Hawwaasummaarra Ji’ootaaf Ture Kaafame 


Hooggantuun Itiyoo Teleekoom Fireehiwoot Taammiruu ibsa gaazexeessitootaaf kibxata har’aa Finfinneetti kennaniin tajaajila Interneetiin marsaalee miidiyaa hawwaasaa hanga tokko ugguramanii turaniif dhiifama gaafataniiru.

Itiyoophiyaa keessatti turtii ji’oota Shanii Oliif miidiyaalee Hawwasaa kanneen akka Feesi buukii, Waattisi Appii fi Tiiktookii akkasumas kanneen biroo warra ugguramanii turanidha. Uggurri kunis wiixata kaleessaarraa kaasee Itiyoophiyaa keessatti irraa kaafameera.

Fireehiwoot Taammiruu Ibsa isaanii keesstti dhaabbanniItiyoo teleekoom sabaabaa wal waraansa Kaaba Itiyoophiyaa keessa tureen naannoo Tigiraayitti tajaajila bilbilaa fi Inteerneetii deebisuuf ammayyuu suphaan taasifamaa akka jirus himaniiru jechuun Finfinneerraa Mallaskaacheewu Amhaatu gaabase.

ma/mf/dw

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG