Xurree ittiin seenan

Breaking News

Aangawoota Adda Bilisummaa Oromoo “Seeraa-ala Hidhaa Turan” Ittiin Jedhe Mootummaan Akka Gad-lakkisu Dhaabbatni Mirga Namoomaa Gaafate  

Aangawoota Adda Bilisummaa Oromoo “Seeraa-ala Hidhaa Turan” Ittiin Jedhe Mootummaan Akka Gad-lakkisu Dhaabbatni Mirga Namoomaa Gaafate
please wait

No media source currently available

0:00 0:05:43 0:00

Dhaabbatni mirgoota namoomaaf falmu Hiyumaan Raayitis Waach angawoota Adda Bilisummaa Oromoo toorba kan poolisiin Oromiyaa waajjira poolisii magaalaa Buraayyuutti seeraan ala waggootaaf hidhee jiru jedhe akka mootummaan hiiku gaafatee jira.

Hiyuman Raayits Waachitti Itti aantuun Waajjira Damee Afriikaa Laatishaa Baader, namootni kun eega mana murtiitiitti dhiyaatani, eega yakka irraa bilisa jedhamanii booda haga yoonaa hidhaa jiru, kaanis dhibee fayyaafaa saaxilamanii jiruu jechaan VOA’tti himtee jirti.

Abukaatoon namoota kanaa Tuulii Baay’isaa fala namoota kanaaf barbaaduuf himata waajjiraalee mootummaatti iyyannee deebii dhabne jedhan. Dhimma kanarratti qaama mootummaarraa deebii argachuuf yaallee haga ammaatti hin argamnne.

dg/dw

Forum

XS
SM
MD
LG