Xurree ittiin seenan

Breaking News

Faransaayiin Lammiiwwan Ishee fi Kan Awuroopaa Niijeer Keessaa Akka Baastu Beeksiifte 


Mormitoonni deggertoota juntaa Imbaasii Faransaay Niamey keessatti argamuun alatti walitti qabamanii, Adoolessa 30, 2023.
Mormitoonni deggertoota juntaa Imbaasii Faransaay Niamey keessatti argamuun alatti walitti qabamanii, Adoolessa 30, 2023.

Faransaay Kibxata har’a lammiilee ishee fi lammiilee biyyoota Awurooppaa biroof Niijer keessaa baasuuf carraaqqii akka jalqabdu ibsiteetti. kunis erga mootummaan waraanaa aangoo qabatee gara torban tokkoo booda ta’u isaati.

Ministeerri haajaa alaa Faransaay ibsa baaseen, murteen namoota baasuu kana raawwachuuf kan kakaase hookkara Imbaasii Faransaay Niamey jiru irratti raawwatamee fi balaliin samii naannoo Nijeer cufamuu isaatiin akka ta’e ibseera.

Ministeerichi lammiileen Faransaay ofuma isaaniitiin biyyaa bahuu dadhabuun hafaniiru jedheera.

Ministirri Dhimma Alaa Xaaliyaanii Antooniyoo Tajaani Kibxata har’a miidiyaa hawaasaa irratti akka jedhanitti Xaaliyaan lammiilee ishee Niamey jiraatan baasuuf, balalii addaa dhiyeessaa jirti.

Gamtaan naannichaa kan Ekowaas akka jedheetti, hooggantoota mootummaa irratti fonqolcha gaggeessan irra, qoqqobbii kan kaa’e yoo ta’u, pirezidaantii Mohaammad Baazoum aangootti yoo hin deebi’an ta’e, humnaan deebisuu akka danda’u ibseera.

Ameerikaa fi Gamtaan Awurooppaas mootummaan Baazoum hatattamaan akka iddootti deebi’u gaafataniiru.

Biyyoota Ollaan Niijar mootummoota waraanaa jalatti socho’an keessaa Burkinaa Faasoo fi Maalii ibsa waloo Wiixata kaleessaa baasaniin, tarkaanfiin waraanaa Niijer irratti fudhatamu kamiyyuu akka “burkina Faasoo fi Maalii irratti waraana labsuutti ilaalama jedhan.

Biyyi ollaa Niijer kan biraa kan mootummaa waraanaan bultu Giiniin qoqqobbii ECOWAS fi gidduu seenuun waraanaa ta’uu danda’u mormuu ishee ibsiteetti.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG