Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaantiin Baankii Adduunyaa Daawwannaa Itiyoophiyaatti Taasisan Xumuranii Jiru 


FAAYILII - Prezidaantiin Baankii Aduunyaa Ajaay Baangaa
FAAYILII - Prezidaantiin Baankii Aduunyaa Ajaay Baangaa

Prezidaantiin Baankii Aduunyaa Ajaay Baangaa daawannaa guyoottan lamaaf Itiyoophiyaa keessatti taasisan Roobii har’aa yemuu xumuran dhaabbilee dubartoota hojii umaa jiranii Finfinnee keessatti argaman ergaa daawatanii boodaa akka ta’e beekameera.

Ajaay Baangaa daawanna guyyoottan lamaf Itiyoophiyaatti taasisan keessatti muummichaa ministeeraa Abiy Ahimadiin dabalatee, haanga’ota mootummaa gameeyyii wajjin marii taasisaniiru. Waggoottan sadan darban keessatti biyyattiin rakkina keessa turtus dandamannaan gaariin akka taasifamee hubachuu isaanii yemuu daawwanna isaanii kannatii ibsuun isaanii gabaasameera.

"Itiyoophiyaa keessatti liqii qofa guddifachuu akka an barbaadu akka yaaddan hin barbaadu, waggaa kudhanan har’aa Itiyoophiyaan baankii adduunyaa irraa liqii fudhachuu hin qabdu. Wantii isin nurraa barbaaddan deggersa tekiniikaa, beekumsaa fi waliin hojjanaa qofa. Sun immo moo’ichaa guddaa ta’a “ jechuudhaan Prezidaantin garee baankii addunyaa dubbachuu isaanii gabaasni Kenedii Abaatee eereera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG