WAASHINGITAN, DIISII —
Adoolessa 31 hanga Hagayya 2 bara 2023tti geggeessamaa kan ture yaa’iin michummaa Mandellaa kan YALI jedhu Roobii kaleessaa xumuramee jira.
Dargaggoota biyyootii Afriikaa uffee Sahaaraa gad jiranII 700 ta’an kan itti hirmaatan yaa’ii kana irratti angawoonni Yunaayitid Isteetis gameeyyiin argamanii dhimmootii imaammata alaa, dinagdee, jijjiirama qilleensaa, rakkoo wabii nyaataa fi kanneen biroo irratti haasaa dhageessisanii jiru. Xumura wal ga’ichaa irratti argamani haasaa kan dhageessisan ministrii dhimma alaa Yunaayitid Isteetis Antoni Blinken turan.
Forum