Xurree ittiin seenan

Breaking News

Waldaan Fannoo Diimaa Buqqaatota Sudaan Irraa Gara Matammaatti Baqatan Gargaarsa Dhaqqabsiisuun Rakkisaa Tahuu Ibse

FAAYIILII - Konkoolaattota Waldaan Fannoo Diimaa, Sadaasa 15, 2022.
FAAYIILII - Konkoolaattota Waldaan Fannoo Diimaa, Sadaasa 15, 2022.

Waldaan fannoo diimaa Itiyoophiyaa humnoonni mootummaa fi loltoonni Faannoo kanneen naannoo Amaaraa keessaa, gargaarsa namoomaaf hojjettoota isaaf danqaa malee daandii akka saaqan gaafatee jira. Daayirikterri ol aanaan waldichaa Geetaachoo Ta’aa Finfinnee keessatti kamisa har’aa ibsa kennaniin, gareen isaanii deggersa wal’aansa fayyaa kennuuf qophee dha jedhan.

Dhaaboliin waldaa hawaasa siivilii Itiyoophiyaas qaamonni walitti bu’iinsa kana keessa jiran, humnaan gargaaramuu irra furmaata karaa nagaaf dursa akka kennan gaafataniiru.

Jarmayaan godaantotaa addunyaa IOM gama biraan, walitti bu’iinsi naannoo Amaaraa daandii ijoo kanneen walitti bu’iinsa Sudaan jalaa miliqan keessa jiraniif garaarsi namoomaa ittiin dhaqabu Matammaa keessa haala jiru daran rakkisaa fi wal xaxaa taasise jedhan.

This item is part of

Forum

XS
SM
MD
LG