Xurree ittiin seenan

Breaking News

Magaalaa Finfinnee Keessatti Namoota Quunnamtii Saala Wal Fakkii Hordofan Irratti Tarkaanfiin Fudhatamee Jira


(Suuraa faayilii)
(Suuraa faayilii)

Magaala Finfinnee keessatti bakkaawaan namoottan Saala walfakkataa qaban dhimma itti bahan irratti tarkaanifin fudhatamuu isaa maddi oduu Rooyiters gabaasee jira.

Akka gabaasni kun jedhutti, bulchiinsaa magaala Finfinneetti biroon nagaa fi nageenyaa hotteelota, manoottan nyaata, manoottan keessumoonni keessa boqotanuu fi bakkeewwan bashanana warren saala walfakaataa qaban quunamitidhaaf itti fayyadamu jedhaman irratti tarkaanfiin fudhatamee jira.

Dhimma Kanaan walqabatee abbaan mana keessumoonni keessa boqotanuu tokko too’ano jala yemmuu olan, fulaaduratis wareen haala cubbamaadha jedhame kana irratti hirmaatan akka adamsee taarkaanfii irratti fudhatu Poolisiin magaalichaa ibsuun isaa gabbasameera.

Biyya Gaanaafi Ugaandaa dabalatee biyyoottan Afrikaa hedduun walquunnamti wareen saala walfakkaataa qaban gdiduutti taasifaman akka yakkaatti kan ilaalan yemmuu ta’u Itiyoophiyaa keessatis dhimma kana irratti dhiiraanis ta’ee dubaraan hirmaatanii argamuun amma hidhaa wagga 15n waan adabsiisuu akka ta’e ni beekama.

Dhiheenyaa kan gareen mirgaa wareen walquunamti saala wafakkaataa irratti hirmaatanuuf falmu kan “man Guraamayilee” ykn “house of Guramayile” jedhame beekamuu, tarkaanfii mootummaan Itiyoophiyaa warren kana irratti fudhachaa jiru mormuudhaan ibsa akka baasee gabaasnni Rooyiters kun dabalee ibsee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG