Xurree ittiin seenan

Breaking News

Godina Lixaa Shawaa Aanaa Cobiitti Humnoonni Mootummaa Lubbuu Namaa Galaafatan Jechuun Maatii fi Jiraattonni Dubbatan


Godina Lixaa Shawaa Aanaa Cobiitti Humnoonni Mootummaa Lubbuu Namaa Galaafatan Jechuun Maatii fi Jiraattonni Dubbatan
please wait

No media source currently available

0:00 0:07:27 0:00

Naannoo Oromiyaa Godina Shawaa Lixaa Aanaa Cobiitti, humnootni naga eegumsa mootummaa namoota nagaa hedduu ajjeesuu isaanii jiraattotaafi kanneen ijaan argineerra jedhan keessaa hagi tokko Sagalee Ameeerikaatti himan.

Addi Bilisummaa Oromoo (ABO) fi Kongirasiin Federaalistii Oromoo (KFO)n ibsa kaleessa baasaniin, Kamisa darbe Akka Lakkoofsa Itoophiyaatti Hagayya 4 bara 2015 akka lakkoobsa Itiyoophiyaatti aanaa Cobii jedhamu keessaa namootni nagaa 11 humnoota mootummaan ajjeesamuu beeksisanii, Oromiyaa bakkeewwan biroottillee ajjeechaafi sarbamni mirgoota namummaa garaa garaa namoota nagaarratti taasisamu itti fufeera jechuun ibsan.

Paartileen siyaasaa kunneen mariin nagaa mootummaafi Waraana Bilisummaa Oromoo jidduutti akka itti fufiifi sarbamni mirga namummaa raawwatamullee dhaabbachuu qaba jechuun hubachiisaniiru. Dhimma kanarratti anga'oota Godina Shawaa Lixaa, Naannoo Oromiyaafi Federaalaa irraa deebii argachuuf yaaliin taasisne ammaaf hin milkoofne. Komishiniin Mirgoota Namummaa Itoophiyaa gama isaan, ajjeechaa Cobiitti raawwatame ilaalchisee odeeffannoo sasaabaa jiraachuu beeksisuun akka qorannoon adeemsisamus beeksisee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG