Xurree ittiin seenan

Breaking News

Aanaa Amuruu Keessatti Haleellaa “Hidhattoota Faannootiin Raaw’atame,” Jedhameen Namni Du’uu fi Kaan Madaa’uun Himame 


Aanaa Amuruu Keessatti Haleellaa “Hidhattoota Faannootiin Raaw’atame,” Jedhameen Namni Du’uu fi Kaan Madaa’uun Himame 
please wait

No media source currently available

0:00 0:04:18 0:00

Naannoo Oromiyaa godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Amuruu ganda xonbee Dangab fi Haroo Guddinaa keessatti haleellaa humnoonni finxaaleyyii Amaaraa raaw’atan jedhaniin lubbuun namaa darbuu jiraattotni aanaa Amuruu, kan Godinaa Horroo Guduruu Wallaggaa Sagalee Ameerikaaf himaniiru.

Waajirri Koomunikeeshinii aanichaas, haleellaan kun gandeen Xonbee-dangab fi Haroo Guddinaa keessatti Hagayya 07, bara 2015 humnoota finxaalleeyyii Amaaraa “Faannoo” jedhamaniin raaw’atame, jechuun ibsa baase. Himannaa dhihaate kanaaf, gama hidhattoota Faannootii deebii argachuuf deddeebisnee yaallee deebii argacbuu hin dandeenye.

Gama biraatiin haleellaa Hagayya 1 bara 2015 godina Shawaa kaabaa aanaa Abbichuu fi Nya'aatti hidhattootni faannootiin raawwatamee lubbuun namaa darbuu hordofuun hidhaan Jumlaa jiraattoota aanichaa sabaan Amaara ta'an irratti raawwatamaa jira jechuun, gareen hidhattoota Faannoo himatee jira. Aangawoonni mootummaa immoo kanneen seeraan-ala hidhatanii fi kuusaan meeshaalee mana isaaniitti argame tu qabame, jedhan.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG