Lammiileen Naannoo Beenishaangul Gumuzi godina Kamaashii aanaa Seedaal irraa buqqa'anii godina Wallagga Lixaa magaalaa Mandii keessa waggoota sadii oliif jiraachaa jiran deeggarsi namoomaa kennamaafii akka hin jire himan. Buqqaatota kana keessaa Sagalee Ameerikaaf yaada kennaniin haalli isaan keessa jiran hamaa tahuu fi beelaan akka gidiramaa jiran dubbatan.
Waajjirri Buusaa Gonofaa damee Wallaggaa Lixaa ammoo yeroo tokko tokko sababa rakkoo nageenyaatiin danqamni jiraateyyuu gargaarsi buqqaatotaaf kennamaa jira, jedha.
Forum