Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gaanfa Afrikaatti Jilli Addaa Mootummaa Yunaayitid Isteetis Dhimma Itiyoophiyaa Fi Sudaan Irratti Mari'achuuf Gara Awurooppaatti Imalan  


FAAYILII - Gaanfaa Afrikaatti jiillA addaa mootummaa Yunaayitid Isteets Maayik Hamer
FAAYILII - Gaanfaa Afrikaatti jiillA addaa mootummaa Yunaayitid Isteets Maayik Hamer

Gaanfaa Afrikaatti jiilli addaa mootummaa Yunaayitid Isteets Maayik Hamer waa’e halaa nageenyaa gaanfa Afrikaa irratti biyyoottan Awuroopaa wajjin maryachuudhaaf deemuu isaanii ministirri dhimmaa alaa Yunaayitid Iteets ibsee jira. Akka ibsi ministira dhimmaa alaa kun jedhetti Maayik Hamer Hagayya 19,2023 kaasee amma Hagayyaa 26 ,2023 ti turtii awurooppaa keessatti taasisan Stookhoolm / Siwuudinitti jalqabanii jiru.

Stookolmiti walgahii waa’ee bishaanii irratti taasifamuu fi dhaabbata institiyuutii bishaan Aduunyaatiin kan qophaa’ee irratti hidha guddichii laga Abbayyaatiin walqabatee, waa’ee bulchiifniifi, itti fayyadamnii bishaanii nagaa fi tasgabbii gaanfaa Afrikaa irratit qabu ilaachisee akka dubbatan ibsameera.

Walgahii Stookhoolm booddee garaa Beeljiiyeem /Biraaselsti ce’uudhaan,waa’ee dhimmaa nageenyaa Itiyoophiyaa fi Sudaan irratti akka maryatan ibsameera. Walgahii kana irratti rakkinaa nageenyaa Itiyoophiyaa keessaa jiru, keessumaa kan naannoo Amaaraa fi Oromiyaa haalaa karaa nagaatiin hiikuun danda’amuu fi akkaata Siviilotaa baraaruun danda’amu irratti akka xiyeeffatan beekameera.

waldhabdee Kaabaa Itiyoophiyaa irratti waliigalteen Piritooriyaa keessatti mallateeffamee akkaataa lammiilee Itiyoophiyaa hundaaf bu’aa buusuu danda’u irraatti amman akka hojii irra oolaa jiru irratis akka dubbatan ibsameera. Sudaan keessatti akkaataa walwaraansii dhaabbatee mootummaa siviilotaa dimokraatawaa ta’ee hundeesuun danda’amuu fi fedhii gargaarsaa namoomaa naannicha keessaa jiruuf haala gargaarsaa laachuun danda’amuu irratis akka marii taasisan ibsi ministiraa dhimmaa alaa Yunaayitid isteets kun ereera.

usgov/bd/dw

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG