Prezidaant Emersen Manangaagwaa biyya seenaa jeequmsaa fi falmisiisaa qabdu keessatti marsaa lammataaf fi isa dhumaaf filatamuu ennaa barbaadaa jiranitti wiirtuleen filannoo Zimbaawee keessaa Roobii har’aa banamanii jiran.
Manaangaagwaan Kiweekiwee keessatti sagalee kennanii jiran. Filannoon kun erga hoogganaan Abbaa irree kan yeroo dheeraa Roobert Mugaabeen bara 2017 aangoo irraa fonqolcamanii qabee filannoo biyyoolessaa isa lammataa ti.
Kaadhimamtoonni prezidaantii kudha lama filannoof dhiyaataniiru, garuu dorgommii inni cimaan maanguddoo umuriin waggaa 80 Manaangaagiwaa fi hoogganaa garee mormituu kan umuriin waggaa 45 Neelsen Chammiisaa gidduutti geggeessama.
Manaangaagiwaan filannoo falmisiisaa bara 2018 keessa geggeessame hamma xiqqoof Chammisaa injifatan.
ChammiIsaan bulchiinsa ZANU-PF kan waggoota 43f aangootti cichee jiru cabsuuf abdatu. Zimbaabween erga bara 1980 bittaa sabxiqqaalee warreen adii jalaa walaboomtee as hoogganaa lama qofaa filatte.
Yoo kaadhimamaan prezidaantii marsaa duraatti sagalee caalmaa ifa ta’e hin arganne, filannoon irra deebii Onkoloolessa lama geggeessama.
Sagalee kennuun har’a ganamaa sababaa komiishinni filannoo Zimbabwe rakkoo loojistikaa ittiin jedheen boodatti harkifatee jalqabe.
Columbus Mavhunga Haraaree irraa akka gabaasetti kaadhimamtoonni ijoon lamaan ni injifanna jedhanii abdatu.
Filannoon kun akkaataa paarlaamaa filannoo barcuma 350 qabuu fi kan mana maree naannoo 2,000tti dhihaatanii murteessuuf jira.
ap/tk/dw
Forum