Xurree ittiin seenan

Breaking News

Naannoolee Itiyoophiyaa Keessatti Namoonni Miliyoona Sadii Fi Walakkaa Ol Buqqaafamuu Isaanii Dhaabbatni Godaantota Addunyaa Beeksise


FAAYILII - Naannoo Somaalee magaalaa Godeetti lammiilee qehee irraa buqahan, Ebla 26, 2022.
FAAYILII - Naannoo Somaalee magaalaa Godeetti lammiilee qehee irraa buqahan, Ebla 26, 2022.

Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti waajjirri dhimma godaantoota Idil Addunyaa akka beeksiseetti Itiyoophiyaa naannolee 11 keessaa namoonni miiliyoona 4.3 ol biyyuma keessatti qe’ee isaaniirraa buqqa’aniiru jedhe. Ragaa ji’a Sadaasaa bara 2022 irraa hanga ji’a waxabajjii bara 2023 tti fudhatameen akka ta’es ifoomseera.

Gabaasichi kaleessa kan ifoomsame namoota buqqa’an keessaa dhibbeentaan 66 sababaa walitti bu’insaan, dhibbeentaan 18 sababa gogonsaan, dhibbeentaan 7 immoo sababa dhiphina hawwaasummaan kan dhufedhas jedheera. Kanneen keessaas namoonni miiliyoona 3.24 tti tilmaaman Naannoolee 10 irraa gandoota 2,700 tti deebifamaniirus jedha gabaasichi. Naannoo Amhaaraa keessatti namoonni qe’ee isaaniirraa buqqa’anii turan dhibbeentaan 44, naannoo Tigiraay keessatti dhibbeentaan 39 fi naannoo Affaaritti dhibbeentaan 6 gara qe’ee isaaniitti deebi’uu isaanii gabaasichi ifoomseera jechuun Finfinneerraa Mallaskaachew Ammahaatu gabaase.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG