Xurree ittiin seenan

Breaking News

Jilli Addaa Yunaayitid Isteetis, Maayik Hamer, Naayiroobii fi Finfinneetti Akka Imalan Himame   

FAAYILII - Gaanfa Afrikaatti ergamaan addaa kan Yunaayitid Isteetis, Maayik Hamer, mariin araaraa Itiyoophiyaa Keeniyaatti geggeeffamee tureef oggaa Naayroobii gahan, Sadaasa 12, 2022.
FAAYILII - Gaanfa Afrikaatti ergamaan addaa kan Yunaayitid Isteetis, Maayik Hamer, mariin araaraa Itiyoophiyaa Keeniyaatti geggeeffamee tureef oggaa Naayroobii gahan, Sadaasa 12, 2022.

Gaanfa Afrikaatti ergamaan addaa kan Yunaayitid Isteetis, Maayik Hamer Hagayya 28 irraa eegalee hanga Fulbaana 8, bara 2023tti gara Naayiroobii fi Finfinneetti imaluudhaan aangawoota Itiyoophiyaa fi Keeniyaa, kan Gamtaa Afrikaa fi kan IGAD waliin dhimmoota misoomaa fi dhimmoota idiladdunyaa biroo irratti kan mari’atan tahuu, ibse dubbi-himaa Ministiriii Dantaa Alaa Yunaayitid Isteetis irraa bahe beeksisee jira.

Mr. Hamer, rakkoo hamaa yeroo ammaa Sudaan keessatti mul’atu, akkasumas haala itti hookkara dhaabsisuu, bulchiinsa dimookiraatawaa gad dhaabuu fi murtii haqaa fi itti-gaafatamummaa hojii irra oolchuu deggeruun danda’amu irratti kan mari’atan tahuus ibsi kun hubachiisee jira.

Itiyoophiyaa keessatti ammoo, haala itti waliigaltee lola dhaabinsaa mallatteessame hojii irra oolchuun itti fufu irratti fi uummata siiviliif eegumsi taasisamu irratti akkasumas haala itti walitti-bu’insawwan naannoolee Amaaraa fi Oromiyaa keessaa mariin furmaata argatan irratti ka dubbatan tahuu, ibsa dubbi-himaa Ministirii Dantaa Alaa Yunaayitid Isteetis irraa bahe kana keessatti himamee jira.

This item is part of

Forum

XS
SM
MD
LG