Oboo Baqqalaa Garbaa hojii hoggansaa Paartii KFO dhiisuu isaanii fi Yunaayitid Isteets keessaati gaafii koola galtummaa dhiheefachuu isanii maddeewwan oduu adda addaa kan gabasaan yemmuu ta’u, maddii oduu Ajaans Firaans Prees/AFP obbo Baqqalaa hasofsiisuudhaan akka gabaasetti haalli yeroo ammaa Itiyoophiyaa keessa jiru waan hammaachaa jiruuf nageenya mataa isaaniifi maatii isaaniif jecha akka garaa Itiyoophiyaatti deebi’uu hin barbaanne beeksisaniiru.
Haala Siyaasa Itiyoophiyaa yeroo ammaa keessatti sodaachisni, ajjeechaaniif hidhaan jumlaa hammaachaa akka jiruu fi qabsoo karaa nagaa taasisuun akka mijataa hin taane kan ibsan obbo Baqqalaan, erga Amajjii baraa 2022 mana hidhaatii bahanii boodaa, wagga darbe waxabajijii keessaa garaa Yunaayitud Isteets dhufuudhaan ji’oottan 15 darbaniif kutaa minisootaa keessa jiraataa turan.
Waxabajjii baraa 2020 ajjeechaa Hacaaluu Hundeessaa irraatti raawwatee hordofuudhaan yakka shororkeessummaa fi hokkora kakaasuutiin himatamanii ji’oottan 18 mana hidhaa keessa kan turan obbo Baqqalaan dhiibbaa Siyaasaa fi diinagdee saba Oromoo irraa ga’eef sagalee akka ta’aa turan gabaasni AFP ibseera.
Forum