Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itiyoophiyaa Keessatti Jijjiiramni Gatii Boba'aa Hojiirra Oolfame Qala'insa Jireeenyaa Akka Dabalu Jiraattonni Dubbatan


(Suuraa faayilii)
(Suuraa faayilii)

Itiyoophiyaa keessatti Torban darberraa Kaasee gatiin bobo’aa dabaluu isaatiin qaala’insi jireenyaa haala amma jirurraa hedduu dabaluu akka malu namoonni Sagaleen Ameerikaa duubbiseeru himan. Ministirri daladalaa Itiyoophiyaa torbaan darbe akka beeksiisetti Hagayya 23, bara 2015 irraa eegalee Beenzilli Litiriin tokko birrii 74 fi saantima 85 tti akka gurguramu kunis gatii duraan itti gurguramu birrii 69 fi saantima 52 irraa birrii Shanii ol dabaluu isaati. Naafxaa Adiinmmoo duraan birrii Litiriin tokko birrii 71 fi saantima 15 tti gurguramaa kan amma birrii 76 fi saantiima 34 tti ol guddaateera. Kiroosiniin duraan Litiriin tokko birrrii 71 fi saantiima 15 kan ture amma gara birrii 76 fi saantiima 34 tti ol guddateera. Haalli daballii Gatii boba’aa kunimmoo qaala’insa gatii jireenyaa durumaanuu dadhabneerru akkaan nutti dabala jechuun sagalee Ameerikaaf yaada isaanii kennan keessaa toKko obbo Mulaat Damisseeti.

Ogeessa diinagdee kan doktor Adam Fetoo dhimma kanarratti yaada isaanii Sagalee Ameerikaaf kennaniin Mootummaan gatii boba’aa akka dabaluuf dhiibbaan Addunyaa irratti taasisu jirachuu himanii shaqaxoonni biroo garuu gatiin isaanii akka dabalu ni taasisa jedhaniiru. jedhaniiru jechuun Finfinneerraa Gabire Mikaa’eel Gabire Medihiinitu gaabase.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG