Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itiyoophiyaa Keessatti Qaala'insa Jireenyaa Hammmaate Keessatti Ayyaanni Waggaa Haaraa Ayyaaneffame


FAAYILII - Gabaa Shoolaatti oggaa namoonni indaaqoo bitan, Finfinnee, Fulbaana 10, 2022.
FAAYILII - Gabaa Shoolaatti oggaa namoonni indaaqoo bitan, Finfinnee, Fulbaana 10, 2022.

Uummanni Itiyoophiyaa qormaata sodaachisaa qaala’insa jireenyaa ol ka’aa ta’ee keessatti ayyaana waggaa haaraa kabaje. Gama siyaasaan tasgabbii dhabuun gama diinagdee irratti dhiibbaa godheera.

Akka gabaasa Assooshiyeetid Pireesitti magaalaa guddittii biyyatti Finfinnee fi handhuura gabaa biyyattii kan taatetti yommuu ol seenamu qaala’insi jireenyaa akkaan jiraachuun ni mul’ata jedha.

Daandiiwwanii fi suuqiiwwan halluwwan garaa garaa fayyadamuun waan gabaa ayyaanaaf ofitti nama harkisu kan yeroo muraasaaf turu fannifataniiru. Garuu Ayyaana kana jala gatiin meeshaalee barbaachisoo kanneen akka Shunkurtaa, Lukkuu fi mi’eessituuwwanii gatiin dabaluun dhugaa lafarrtti calaqisudha. Fuulli namoota bittaaf gara gabaatti ba’anii meeshaa gaafachaa jiraniis ajaa’ibsifaanaa fi yaaddoodhaan kan guutame ta’uu irraa dubbifama jedha gabaasni Assooshiyeetid Pirees kun.

Adaanech Mallesee Jiraattuu magaalaa Finfinnee kan taate haadha mucaa tokkooti. Mucaa ishiis ofumaa guddisti kanaan dura daandii irratti fuduraa fi kuduraa gurguruun jiraachaa turte , gatiin kuduraalee raabsisoota irraa ittiin fudhattu akka malee waan dabaleef bittee dhiyyeessuu dadhabuu ishee himtee hojiin biizinasii ishee itti fufinsa dhabuu himteetti. Yeroo ammaas kabaja guyyaa ayyaanaaf Shunkurtii bituuf gabaa bahuu kan himtu Adaaneech gatiin meeshaalee akkaan ol ka’uurraa kan ka’es meeshaalee silaa bituuf karoorfattee manaa baateettu dhiisuuf akka dirqamtes himteetti.

Haalli diinagdee biyyattii jijjiiramuu fi qala’insi jireenyaa dabaluu ilaalchisee ogeessa diinagdee kan ta’e Qosxaanxinoos Barhiyee yaada Assoshiyeetid Pireesiif kenneen meeshaaleen biyyattiin gara alaatti ergituu fi biyyoota alaarraa galchitu

wal madaaluu dhabuu, akkasumas waraannii fi walitti bu’insoonni biyyatti bakkoota garaa garaatti taasifamaa jiran sababoota isaan guddaadha jedheera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG