Xurree ittiin seenan

Breaking News

Koomishiniin Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa Sarbinsi Mirgoota Namoomaa Bara 2015 Keessa Ture Akka Itti Hin Fufne Yaaddoo Qabu Ibse


FAAYILII - Hoogganaa Komishinii Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa, Daani'el Baqqalaa, Sadaasa 15, 2019.
FAAYILII - Hoogganaa Komishinii Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa, Daani'el Baqqalaa, Sadaasa 15, 2019.

Akka lakkoofsa bara Itiyoophiyaa bara 2015 tti Itiyoophiyaa keessatti wal dhabdee meeshaa waraanaan ykn hidhannoon deeggarame karaa nagaa hiikuuf yaaliin taasifame baay’ee abdachiisadha jedhe Komishiniin mirga namoomaa Itiyoophiyaa. Garuummoo ammas sarbaminsi mirga namoomaa taasifamaa jiru hedduu yaaddeessaa waan ta’eef bara haaraa 2016 ttis akka itti hin fufneef golgaan seeraa itti taasifamuu qabas jedheera. Biyyattii keessatti walitti bu’insoonnii fi haleellaawwan mirga lubbuun jiraachuu sarbanii fi bakkaa bakkatti scho’anii jiraachuu irratti ga’aa jiran hedduu yaaddeessdhaa jedhan Itti aantuun Komishinii mirga namoomaa Itiyoophiyaa aadde Raakeeb Mellees.

Bara 2015 tti biyyattii keessatti keessumaa Kaaba Itiyoophiyaa naannoo Amaaraa fi Tigiraay , Naannoo Oromiyaa akkasumas naannoo Saboota , sab lammootaa fi Uummattoota Kibbaa duraanii keessatti walitti bu’insii fi wal waraansi irra deddeebbiin taasifamuun lammiileen nagaan baay’ee irratti sarbaminsa mirga namoomaa geessisaaniiruus jedhan Aadde Rakeeb.

Akka gabaasa Komishinii mirga namoomaa Itiyoophiyaatti naannoo Amhaaraa, Tigiraay, Oromiyaa, fi Naannoo sabaa, sab- lammootaa fi uummattoota Kibbaan alattis bakkoonni rakkoon sarbaminsa mirga namoomaa itti mul’atan naannoo kibba lixa Itiyoophiyaa, naannoo Benishangulii Gumuuz, Somaalee fi Affaar keessattis daa’imman, dubartoota fi namoota umriin deeman irratti sarbaminsi mirga namoomaa taasifamu hedduu yaaddeessaadhaa jedheera.

Yuunivarsiitii hawwasaatti barsiisaa fi ogeessa seeraa kan ta’an Bafiqaaduu Dirribaa dhimma kanarratti gaafatamanii Itiyoophiyaa keessatti nageenya waaraa fiduuf furmaata humna waraanaan osoo hin taane furmaata siyaasaa itti barbaaduutu fala jedhan jechuun Hawwaasaarraa Yoonaattan Zabdiyoositu gabaase.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG