Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ijaarsi Hidha Laga Abbayyaa Dhibbentaan 93 Xumuramuu Itiyoophiyaan Beeksiste   


FAAYILII - Ijaarsa Hidha Laga Abbayaa, Asoosaa, Hagayya 27, 2023.
FAAYILII - Ijaarsa Hidha Laga Abbayaa, Asoosaa, Hagayya 27, 2023.

Ijaarsii hidhichaa guddicha laga Abbaayyaa dhibeentan 93 raawwachu isaa hogganaan ijaarasa hidhichaa beeksisaniiru.

Hogganaan hojii ijaarsa hidhichaa Injineer Kiflee Horroo, baraa 2016 keessa “Yuunitoonni” Shan akka umna elektiriikaa maddisiisuu jalqabanuuf,kunis lakkoofsa Unitootaa umna elektiriikaa maddisisan garaa Torbaatti kan guddisu akka ta’e ibsaniiru.

Hidhii laga Abbayya kun bishaan kuusuu qabu keessaa kiyuubiik Meetirii biiliyoonii 42 gahuu isaa kan ibasan mummichii ministeeraa Itiyoophiyaa Abiy Ahimed hidhichii biyyaa Sudaanii fi Masriif bu’aa kan qabu ta’uu isaa himaniiru. Muummichi ministeeraa Itiyoophiyaa akkana jedhanus, mootummaan Masr garuu sochiin hidhicha guutuu waligaltee biyyoottan Sadanii kan cabseedhaa jedhee jira.

Miseensa garee dhimmaa hidhichaa irratti maryatuu kan ta’aniifi Yuuniversitii Finfinneetti qoo’ataa siyaasaa bishaanii kan ta’an Proofeeseer Yaa’iqob Arsaanoo hojiin bishaan guutuu waligaltee biyyoottanii kan cabsuu akka hin taane ibsuu isaaniifi mariin biyyoottan Sadanii dhimmaa bishaanichaa ilaallate dhiheenyaa kana Finfinnee keessatti akka taasifamuuf deemu gabaasinni Kenedii Abaatee ibsee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG